Dhimmi Barnoota Afaan Oromoo dhimma mariif hin dhiyaanne - Obbo Shimallis Abdiisaa

189

/TOI/, Hagayya 16/2011 Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimmi Barnoota Afaan Oromoo dhimma mariif hin dhiyaannee fi guddina afaanichaaf xiyyeeffannoo addaan akka hojjetu itti aananan pirezidaantii mootummaa naannicha  Obbo Shimallis Abdiisaa beeksisan

Caaseffamni barnoota biyyattii maal akka fakkaatu ilaalchisee Ibsa Ministeerri Barnootaa kennee odeeffannoon Afaan Oromoo waliin deemu gonkumaa kan hojii qabatamaa jiru hin ibsineedha kan jedhan obbo Shimallis, Dhimma afaaniirratti araaramni tokkollee akka hin jiraanne ummanni hubachuu  akka qabu himan.

Angoon Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa Bulchuu, Sirna barnootaa Qopheessuu, qorumsa kutaa 8 qopheessuu fi soroorsuun qabxii murteessuu aangoo Naannoof kenname waan ta’eef kanatti eenyuyyuu bu’uu akka hindandeenyee fi akkuma kana duraa Afaan Oromoon barnoonni kennamu akka itti fufus ibsan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Afaan Oromoo guddisuuf hojii hoojjetu daran baballisee bakka kana dura hin baratamnettillee akka baratamu taasisuuf hoojjechaa akka jiru ibsanii, kanaafis waliin tumsuu qabna jedhaniiru.  

Manneen Barnootaa Dhuunfaa Naannoo Oromiyaa keessatti kaarikulamii naannichaatiin ala hojjetanirrattis barana tarkaanfii cimaa fudhachuuun kan sirreesffamu  akka ta’es ibsamee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015