Obbo Shimallis Abdiisaa fi Aalook Shaarmaan Istarin Indaastirii Zoonii Daawwatan

126

(TOI) Finfinnee Hagayya 16/2011 Itti aanaan prezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi ministirri Ministeera Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa Briitaaniyaa Aalook Shaarmaan Istarin Indaastirii Zoonii daawwataniiru.

Obbo Shimallisii fi Aalook Shaarmaan turtii isaanii Istarn Indaastirii Zoonin, dhaabbata Yuunii Liivar daawwataniiru.

Obbo Shimallisii wayituma kana akka jedhanitti naannoon Oromiyaa abbootii qabeenyaa simachuuf qophii  ga'aatu jira jedhaniiru.

Naannichii abbootti qabeenyaa simatee diinagdee biyyaa kessaatti gumaacha akka taasisaniif qophii isa irraa eegamu xumurameeras jechun dubbataniiru.

Ministirri Ministeera Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa Briitaaniyaa Aalook Shaarmaan gama isaanitiin Itiyoophiyaatti abbootii qabeenyaa carraa hojii nama hedduudhaaf uuman Briitaaniyaa irraa akka dhufaniif tumsa akka taasisan himaniiru.

Kessumattuu abbootii qabeenyaa dubartootaaf carraa hojii uumuu danda'an irratti kan xiyyefatan ta'uus dubbataniiru.

Daawwidhaan boodas magaalaa Duukamitti biqiltuu dhaabaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015