Muummee ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad Baga ayyaana Ashandaa /Shaadaay /Ashandiyyee/Soolaliin Isin Ga'e Jedhan

75

Finfinnee Hagayya 15/2011(TOI) Muummeen ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad baga ayyaana Ashandaa/Shaadaay/Ashandiyyee/Soolaliin isin ga'e jedhan.

Ayyaanichi waliin jireenya ummataa fi aadaa walirraa dhaaluu kan muul'isudha jedhaniiru Doktar Abiyyi ergaa baga ittiin isin ga'ee isaaniitiin.

Ayyaanichi bakkeewwan adda addaatti kabajamus, calaqqee hariiroo aadaa fi hawaasummaa ummataati jedhan.

Ashandaa/Shaaday/Ashandiyyee/Soolal mallattoo ol ka'umsaa fi jijjiirramaa waan ta'eef, ayyaanichi durirra har'a nu barbaachisa jedhaniiru.

Shamarran ayyaanicha baroota rakkisaa keessallee walqixxummaa isaanii bifa calaqqisiisuun kabajaa turaniiru, nutis waan gufuu ta'u mara injifachuun tokkoma waloof waliin yaa hojjennuun dhaamaniiru.

Nutis biyyaa fi ummata cimaa ijaaruuf waliin yaa dhaabbannuun, baga ittiin isin ga'e jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015