Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa Jeettiiwwaan Waraanaa 66F-16 Taaywaanitti Gurguruuf Yaada Dhiyaate Raggasise

115

Finfinnee Hagayya 15/2011 (TOI) – Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa Jeettiiwwaan waraanaa 66F-16 Taaywaanitti gurguruuf yaada dhiyaate raggasise.

Waajjirri Dhiima Alaa Ameerikaa Jeettiiwwaan waraanaa Taaywaanitti Paawundii Biiliyoona 8n gurguruuf murteessuu isaa beeksiseera.

Jeettiiwwaan kunneen humna waraanaa Taaywaan ni cimsa jedhameera.

Ejensiin Nageenya Raayyaa Ittisaa Ameerikaa gama isaatiin, jeettiiwwaan gurguraman kun dandeettii waraanaa cimsuu fi guddisuuf kan yaadamedha jedhan.

Gurgurtaan kunis jeettiiwwan waraanaa fi meeshaawwan garaagaraa kan of keessatti qabate ta’uu himaniiru.  

Chaayinaan meeshaa waraanaa Ameerikaan Taaywaanitti gurgurtu kanatti hin gammanne.

Taaywaan gama Chaayinaatiin sodaan qaba jechuun humna waraanaa ishee guddisaa jirti.

Kanaaf yeroo garaagaraatti Ameerikaa waliin hariiroo uumuun meeshaawwaan waraanaa bitaa jirti.

Barruuwwaan Chaayinaa adeemsi ammaa kun Chaayinaaf akeekkachiisa cimaadha jechaa jiru.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Gangi Shuwaang gama isaaniitiin, Ameerikaan meeshaa waraanaa Taaywaanitti gurguraa jirtu kun waliigaltee biyyoota lamaanii kan cabsedha jedhaniiru.

Madda:- Aljaziiraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015