Sudaan Kibbaatti Ji'a 3 Keessatti Mootummaan Ce'umsaa Akka Hundaa'u IGAD Hubachiise

63

Hagayya 15/2011 /TOI/ Sudaan Kibbaatti nageenyi guutumaan bu'e ji'a 3 keessatti mootummaan ce'umsaa akka hundaa'u IGAD hubachiise.

Waltajjiin baniinsa marii raawwii walii galteewwan ce'umsaan duraa magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Erga walii galteen nageenyaa bu'een asitti Sudaan kibbaatti nageenyi uummamuu isaa himamee jira.

Walii galteewwan kanaan duraa akka kabajaman ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachoo humnootii Sudaan Kibbaatiif waamicha dhiyeessan.

Obbo Gadduun humnootiin Sudaan Kibbaa walii galteewwan kanaan duraa kabajuun hojiirra akka oolchaniis gaafataniiru.

Yeroon cee'umsaan duraa baatii Faranjootaa Caamsaa 2019 Finfinnee irratti walii galame, amma baatii Faranjootaa Sadaasa 2019tti baatii 6f dheereffamuun isaa ni yaadatama.

Ega waliigaltichaatii ummannii fi morkattoonni biyyaa godaanan biyyatti deebi'uun akka gaaritti ilaalameera.

Ajjeechaa fi dhukaasni hir'achuun hariiroo fi wal amantaa paartilee cimseera jedhameera.

Haa ta'uutii humna nageenyaa waloo hundeessuu, leenjii fi bobbii humna namaa raawwachuu, lakkoofsa mootummoota naannoo murteessuu fi kanneen biroo yeroo kaa'ameen raawwatamaa akka hin jiraatiin qoratameera.

Waltajjii har'aarratti humnootiin Sudaan Kibbaa, biyyoonni miseensa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa, fooramiin Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa, Ameerikaa, Briitaaniyaa fi Noorweey, Chaayinaa, Gamtaan Awrooppaa, Gamtaan Afrikaa, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi qooda fudhattoonni biroo hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015