Irreechi " Hora Finfinnee " Magaalaa Finfinneetti Ni Kabajamaa

78

TOI/  Hagayya 15/2011Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Arsadee kabajuuf qophiin xumuramuu isaa Gumiin Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo beeksiseera.

Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Arsadee ilaalchisuun Gumiin Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo kaleessa ibsa kennanii jiru.

Ibsa kana irratti akka jedhanittis Irreechi Hora Finfinnee waggaa 150 booda akka deebi'es himamee jira.

Haaluma kanaan Irreechi Hora Finfinnee Fulbaana 24, Irreechi Hora Arsadee ammoo fulbaana 25 akka kabajamuus himamee jira.


Oromoon biyya keessaa fi biyya alaa jiru osoo lagaan, amantaa fi siyaasaan wal hin qoodin guyyaa seena- qabeessa kana miidhagfachuu qaba jechuunis dhaamaniiru.

‘’Ayyaana kanas wayita kabajannuu wal jaalalaafi tokkummaan miidhagina biyyattii ta'uu keenya kan itti mirkaneessinu ta'uu qaba’’ jechun dubbataniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi Mootummaan Naannoo Oromiyaa ayyaana kana bifa adda ta’een kabajuuf waliin hojjechaa jirus jedhameera.

Nageenya ayyaanichaa mirkaneessuufis qaamolee nageenyaa mootummaa dabalataan, Foolleen 20,000 huccuu aadaa wal fakkatuun akka bobbaafaman akka karoorfame ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015