Naannoo Harariitti Dargaggoonni Kuma 9 Ta'an Carraa Hojii Ni Argatu Jedhame

103

Harar Hagayya 14/2011 /TOI/ - Naannoo Harariitti bara qabamee jiru kana dargaggoonni kuma 9 ta'an carraa hojii ni Argatu jechuun biiroon misooma magaalaa fi Konistiraakshinii naannichaa ibse.

Dargaggoonni yaada kennan akka jedhanitti rakkoon Liqii birrii waliin wal qabatee jiru furmaata argachuu qaba jedhaniiru.

Hogganaan biiroo konistiraakshinii fi misooma magaalaa naannichaa obbo Abdulhaakiim Abdumaaliik Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka jedhanitti naannoo Hararitti bara qabamee jiru kana magaalaa fi baadiyaatti dargaggootaaf carraan hojii ni ummama jedhaniiru.

Keesumattuu eebbifamtoota yuunivarsiitii fi kolleejjota garaa garaa irraa eebbifaman carraa hojii garaa garaa irratti hirmaachisuuf karoorfamee hojjetamaa jira jechuun himaniiru.

"Mootummaan naannichaa liqiif birrii miiliyoona 150 kan ramade yoo ta'u, dargaggoota kanneeniifis walitti hidhiinsi gabaa fi leenjii ni kenamaa ' jechuun beeksisaniiru.

Dargaggootaa kanneeniifis birrii liqii hojii kennuuf qophiin xumurameera jechuunis dubbataniiru.

Dargaggoota yaada kennan keessaa Abrihaam Ingidaa akka jedhetti "Hojii qonnaa magaalaatti bobba'uuf qophii irran jirra" jechuun himeera.

Dargaggoon Damee Taaddasaa yaada kenneen akka jedhetti dargaggoonni mootummaa irraa hojii eeguu irra darbanii ofii isaaniif carraa hojii ummachuu qabu jechuun ibsee jira.

Naannoo Harariitti bara xumurame kanatti dargaggoota kuma 4 ta'aniif carraan hojii uummamee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015