Hawaasni Horro Guduruu Wallaggaa Qophii Barnootaaf kan Oolu Deeggarsa Birrii Miiliyoona 24 Ol Taasise

71

Naqamte Hagayya 12/2011(TOI) - Hawaasni Horro Guduruu Wallaggaa  qophii bara barnootaa 2012f kan gargaaru maallaqaan, meeshaalee addaddaa fi humnaan deeggarsa birrii miiliyoona 24 ol taasifamuusaa waajjirri barnootaa godinichaa ibse.

Hawaasni godinichaa deeggarsa kana kan taasise waggaa xumuramaa jiru keessatti yoo ta'u, deeggarsa taasifame keessaa birriin miiliyoona 2 fi 500 maallaqaan kan taasifamedha.

Waajjirichatti ogeessi sagantaa fooyyessa manneen barnootaa fi hirmaannaa hawaasaa obbo Taaddalaa Baqqalaa TOIf akka himanitti gumaacha hawaasni taasiseen qophii bara 2012f ijaarsi kutaalee barnootaa haaraa 45 fi kutaalee dabalataa 250 akkasumas hojiin haaromsuu raawwatameera.

Akkasumas teessoowwan barattootaa haaraa kuma 1 fi 600 akkasumas 432 hojjechuu fi suphuudhaan tajaajilaaf qophaa'aniiru.

Manneen barnootaa addaddaa dallaa itti ijaaruun, bishaan dhugaatii qulqulluu galchuu fi manneen qulqullinaa fooyyessuun hojjetameera.

Hojii deeggarsaa kana keessatti kan hirmaatan keessaa aanaa Abee Dongorootti walitti qabaan koree mana barnootaa ganda 20 obbo Taaddasaa Makuraa yaada kennaniin, qophii bara barnootaa dhufuuf kutaaleen barumsaa dabalataa sadii hirmaannaa hawaasaatiin ijaaramuusaanii dubbataniiru.

Kana malees manneen jireenyaa barsiisotaa jaha kan ijaaraman yoo ta'u, biqiltuuwwan muduraa mana barumsaaf galii argamsiisan dhaabamuusaanii hubachiisaniiru.

Aanichatti jiraataan ganda 19 obbo Siraaj Mahaammad gamasaaniin mana barumsaa Lalistuu Dilbii fi naannawasaaniitti argamuuf hawaasa waliin ta'uun manniin qulqullinaa afur ijaaranii kennuusaanii ibsaniiru.

Galii keessaa mana barumsichaaf kan oolu lafa heektaara shan qotanii boqqoolloo facaasuusaanii fi dallaa mana barumsichaa dheerina meetira 400 ta'u suphuusaaniis himaniiru.

Aanaa Abee Dongorootti daarektara mana barumsaa Ambaa 21 Rattaa Abdiisaa akka jedhanitti, deeggarsa ummataatiin manneen jireenyaa barsiisotaa 8 fi kutaalee barnootaa sadii suphaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015