Dargaggoonni Hammeenya Godaantummaa Hubatanii Godaantummaarraa Of Qusachuu Qabu--- Godaantota Sudaan Irraa Deebi'an

75

Hagayya 12/2011(TOI) - Dargaggoonni gidiraa nurra ga'een hammeenya godaantummaa hubatanii godaantummaarraa of qusachuu qabu jechuun godaantonni mana hidhaa Sudaan keessa turanii biyyatti deebi'an dubbatan.

Godaantonni mana hidhaa addaddaa keessa turanii Sudaanitti embaasii Itiyoophiyaatti dahatanii turan 100 ol ta'an ministira muummee doktor Abiyyi Ahimad waliin kaleessa galgala Finfinnee glaniiru.

Kanneen dhiira ta'an biddeen barbaachaaf jecha godaantummaa hawwan Awurooppaa, dubartoonni ammoo gara jiddugaleessa bahaatti cehuuf faddaaltotatti  fayyadamu filatu.

Faddaaltonni seeraan ala ta'an ammoo namoota biyyaa baasuuf yookaan deddeebisuuf daandiiwwan ittiin fayyadaman  keessaa tokko karaa Matammaa- Sudaan Liibiyaati.

Dargaggoo Tewoodiroos Sawaaganyi waggaa 4 dura biddeen argachuuf jecha ture garba Meeditiraaniyaa qaxxaamuree Awurooppaa kan cehee faddaaltotatti fayyadamuun karaa Matammaa Liibiyaa kan gale.

Tewoodiroos faddaaltotaaf  birrii kuma 80 ol kafalee Liibiyaa ga'ullee Awurooppaa galuun haa hafuutii qarqara Liibiyaatti hidhamuudhaan halkan-halkan tolaan hjii ijaarsaa hojjechaa turuun carraasaa ta'e.

Ajaja faddaaltotaa birrii dabalataa fidaa jedhuu fi ajajoota birootiin hiriyyoonnisaa 13 yemmuu ajjeefaman qofaasaa hafuusaa gaabbiidhaan yaadata.

Harkasaa rasaasa shaniin rukutamee hafuusaa kan dubbatu Tewoodiroos, humna rabbiitiin lubbuudhaan biyyatti deebi'uusaatiin gammachuusaa ibsuuf miillisaa osoo lafa hin tuqiin riqicha Xayyaaraarra dhaabatee galata galfate.

Hojii guyyaa hojjechuuf jecha waggaa 20 dura biyyaa ba'uusaanii kan dubbatan ammoo obbo Girmaa Yismaawu jedhamu.

Turtii isaanii Sudaan keessatti jireenya gadi aanaa jiraachaa turanii ji'oota muraasa dura balaan konkolaataa irra ga'ee deeggarsa embaasii fi hawaasa Itiyoophiyaatiin yaala argatanii lubbuunsaanii akka oole dubbatu.

Gidiraa fi salphina godaantota Itiyoophiyaarra ga'u kan hubate Tewoodiroos, har'a 'Itiyoophiyaa kan salphifne nuyi, daabboo tokko qooddannee yoo nyaanne wayya' jechuun gorsa.

'Godaantummaan hadhaawaadha' kan jedhan obbo Girmaan jireenya hammaataa turtii biyya  ormaatti argan ibsuudhaan kanneen biroon nurraa barachuu qabu jedhaniiru.

Hameenya godaantummaa kan argaa jiran dhiirota qofa miti. Turtiin shamarroota sababa faddaaltota seeraan alaatiin yeroo-yerootti gara jiddugaleessa bahaatti godaananiis hammaataadha.

"Godaantummaan dubartootaaf hin mijatu" kan jettu Samiiraa Mahaammad, "godaantummaan nurratti haa dhaabatu, biyya keenyarratti buna danfifnee jiraachuu nuuf wayya" jetteetti.

Samiiraa fi hiriyyoonnishee hedduun baatii afur dura karaa Matammaa Bahanii gara Beeruut, Dubaayii fi gara biyyoota jiddugaleessa bahaa deemuuf faddaaltotaan akka meeshaatti jijjiiramuunsaanii, haala qilleensaa hammaataadhaan gidiraa arguusaanii, maallaqa dhangalaasuunsaanii rakkoolee irra ga'an keessatti argamu.

Samiiraa fi miiltoowwan ishee faddaaltota seeraan alaa harkaa viizaa eegaa osoo jiranii poolisii biyyattiitiin to'annaa jala oolanii Sudaanitti hidhamuusaanii ibsaniiru.

Erga mana hidhaatii bahaniis Kaartumitti kan argamu embaasii Itiyoophiyaa erga turanii booda kaleessa ministira muummee doktor Abiyyi Ahimad waliin gara biyyasaaniitti deebi'uusaaniitiif galata dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015