Jiddu Gala Aadaa Oromoo Finfinnee Fi Naannawasaatti Duulli Qulqullinaa Adeemsifame

88

Finfinnee Hagayya 12/2011 (TOI) - 12/2011 Itti gaafatamtoonnii fi hojjettoonni naannoo Oromiyaa addaddaa kan itti hirmaatan duulli qulqullinaa guyyaa har'aa jiddugala aadaa oromoo Finfinneetti adeemsifameera.

Guyyaa har'aa Guutuu Itiyoophiyaatti duulli qulqullinaa biyyoolessaa adeemsifamaa jira.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ganama har'aa duula qulqullinaa naannoo Oromiyaa godina Arsii magaalaa Itayyaatti adeemsifame irratti hirmaataniiru.

Finfinneettis jiraattonni magaalaa, aanga'oonni mootummaa fi dhaabbileen garaa garaa ganamaa jalqabanii naannoosaanii qulqulleessaa jiru.

Finfinneetti kan argamu jiddu gala aadaa Oromoo fi naannawasaatti hirmaannaa itti gaafatamtootaa fi hojjettoota naannoo Oromiyaa addaddaatiin duulli qulqullinaa adeemsifameera. Biqiltuunis dhaabameera.

Duulli qulqullinaa kun naannoo oromiyaa hundatti adeemsifamaa akka jiru beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015