Imaammanni quunnamtii alaa Itoophiyaa biyyoota ollaatiif xiyyeeffannoo barbaachisu hin kennine- Ministira muummee doctor Abiyyi

64

Finfinnee Amajjii  6/2011 Imaammanni quunnamtii alaa Itoophiyaa biyyoota ollaatiif xiyyeeffannoo barbaachisu hin kennine jechuudhaan ministirri muummee doctor Abiyyi Ahimad dubbatan.

Imaammatichi taateewwan haala yeroo biyyaa fi addunyaa karaa madaaluun irra deebi’uudhaan fooyya’aa akka jiru ministirri muummichaa dabalanii himaniiru.

Ministirri muummee doktor Abiyyi Ahimad “haala addunyaa fi imaammata dhimma alaa Itoophiyaa” mata duree jedhuun Itoophiyaatti misiyoonota kan ta’anii fi dippilomaatota ministeera dhimma alaa keessa hojjetaniif ibsa kennaniiru.

Ministirri muummichaa wayituma kana akka jedhanitti , imaammatichi wayita wixinaa’u haalonni biyyaa, ardii fi addunyaa turan har’a geeddaramaniiru.

Imaammatichi keessaa gara alaatti kan xiyyeeffate waan ta’eef cimina keessaa fi jiraachuu biyyaatiif xiyyeeffannoon kenne jajjabaachuu kan qabuu fi cimee kan itti fufu ta’uusaa dubbataniiru.

Haala keessoo biyyaa keessa galuu dhiisuun, akkasumas looguu osoo hin ta’iin faayidaa dinagdeetiif dhaabbachuunsaa cimina imaammatichaa akka ta’e kaasaniiru.

Haa ta’u malee imaammatichi “xiyyeeffannoon biyya alaatiif kenne kana kan jedhamu miti” kan jedhan ministirri muummee, biyyoota ollaa bira darbee biyya kamiyyuu waliin quunnamtiin taasifamu bu’a qabeessa akka hin taane ibsaniiru.

 Galmoonni imaammaticharratti ibsaman ‘ifaa fi yeroo yerootti kan madaalaman miti” jedhaniiru.

Jaalatamus, jibbamus dhiibbaa walabummaa biyyaa jalaa ba’uun akka hin danda’amne kan ibsan ministirri muummee, imaammatichi wantoota dhimma kana hubachiisuu  hin barbaachifne  of keessatti qabateera jedhaniiru.

Imaammata fuulduraaf fooyya’u irratti dhimmi walabummaa akka keessa hin galles ibsaniiru.

Kana malees imaammatichi waliin deemuu kan hin dandeenye quunnamtii alaa fi dhimmoota nageenyaa biyyaa iddoo tokkotti qabachuunsaa sirrii akka hin taane ministirri muummee kaasaniiru.

Dhimmoonni har’a yaaddoo ta’an kamiyyuu battalatti jijjiiramuu waan danda’aniif imaammanni nageenya biyyaa yeroo yerootti fooyya’uu danda’uu fi of danda’e akka barbaachisus eeraniiru.

Imaammatichi wayita wixinaa’u kan hin turre amma babal’achaa kan dhufan miidiyaan hawaasummaa fi teekinooloojiin Saayibar quunnamtii alaa irratti faayidaan fi yaaddoon inni qabuu imaammata fooyya’u keessa akka galu dubbataniiru.

Imaammannii fi tarsiimoon quunnamtii alaa fi nageenya biyyaa bara 1994 irraa kaasee hojiirra ooluun isaa ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015