Jireenya Miseensotaa Waldaalee Hojii Gamtaa Fooyyessuuf Hojii Hojjetameen Jijjiiramni Dhufaa Jira --- Ejensii Hojii Gamtaa

135

Jimma Hagayya 10/2011 (TOI) - Waldaalee hojii gamtaa cimsuudhaan jireenya miseensotasaanii fooyyeessuuf hojii hojjetameen jijjiiramni dhufaa akka jiru ejensiin hojii gamtaa federaalaa beeksise.

Ejensichi waltajjii marii raawwii hojii bara 2011 qoratuu fi karoora bara 2012 irratti mari'atu magaalaa Jimmaatti adeemsisuu eegaleera.

Daarektarri olaanaa ejensii hojii gamtaa federaalaa obbo Usmaan Suruur tajaajila oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti ejensichi bara karooraa guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii waldaalee hojii gamtaa cimsuudhaan hojiiwwan jireenya miseensotasaanii fooyyessuu danda'an irratti xiyyeeffatee hojjechaa tureera.

"Haala kanaan waldaalee hojii gamtaa bu'uraa kuma 88 fi 811 qaqqabamaa taasisuudhaan guddina dhibbantaa 3 tuqaa 8 akka galmeessisan taasifameera" kan jedhan daarektarri olaanaan kun yeroo ammaa baay'inni miseensotaas miiliyoona 12 fi kuma 43 ol ta'uu ibsaniiru.

Waggoota 4 keessatti kaappitaalli waldaalee kanneenii birrii biiliyoona 25 fi miiliyoona 958 ol qaqqabuusaa fi kanaanis miseensotasaanii fayyadamoo taasisuusaanii dubbataniiru.

Bittaa fi gurgurtaa biyya keessaatiinis waldaaleen kunneen oomishoota addaddaa toonii miiliyoona 1 fi kuma 230 gabaaf dhiheessuu akka danda'an obbo Usmaan eeraniiru.

Akka ibsa obbo Usmaanitti waldaaleen hojii gamtaa kunneen waggoota afur keessatti oomishoota addaddaa biyya alaatti erguudhaan guddina galii dhibbantaa 3 tuqaa 65 galmeessisaniiru.

Walumaa gala bara karooraa guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii lammaffaatti waldaalee hojii gamtaa cimsuudhaan jireenya miseensotasaa fooyyessuuf hojiin hojjetame jijjiirama fidaa akka jiru ibsaniiru.

"Waldaaleen hojii gamtaa biyyattiitti argaman galma ga'iinsasaanii milkeessuuf raawwii walirraa fagaate waan qabaniif kana walitti dhiheessuuf xiyyeeffannoon hojjetama' jedhaniiru.

Waltajjii guyyaa sadiif adeemsifamu kanaan raawwiin hojii bara 2011 kan qoratamu yoo ta'u karoora bara haaraarrattis mariin galtee walitti qabachuuf taasifamu akka taasifamu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015