Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Bu'aa Birrii Biiliyoona 17 ol Argachuusaa Beeksise

75

Finfinnee Hagayya 10/2011 (TOI) - Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa bara baajatichaatti bu'aa Birrii biiliyoona 17 tuqaa 9 argachuusaa beeksise.  

Baankichi raawwii hojii bara baajataa 2018/19 galma Gamtaa Afrikaatti gamaaggamaa jira.

Hojii gaggeessaan Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa obbo Baacaa Giinaa akka jedhanitti, bara bajatichaatti bu'aa baankiin daldalaa Itiyoophiyaa birrii biiliyoona 17.9 argachuu isaa himanii, kunis kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu birrii biiliyoona 7 kan caalu ta'uu beeksisaniiru.   

Qabeenyi waliigalaa baankichaa birrii biiliyoona 145 dabalatee yeroo ammaa kana birrii biiliyoona dhibba 712 ga'eera jedhaniiru.  

Birriin kun kana bara darbe ture biiliyoona 668 irraa biiliyoona 44 kan dabalate ta'uus himaniiru.

Bara bajataa darbettis Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Birrii biiliyoona 17 tuqaa 9 buufateera jedhameera.

Sharafa biyya alaa Doolaara biiliyoona 6 tuqaa 3 kan sassaabe ta'uus himaniiru.

Qaqqabamasaa babal'isuufis bara baajatichaatti dameewwan 157 baneera.

Kanaanis yeroo ammaa kana damee isaa kuma 1 fi 444 irra ga'uun isaa dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015