Galmi Sabboonummaa Oromummaa Nageenya, Misooma, Biyya wal Qixxummaa Fi Guddinni itti Mirkanaawe Dhugoomsuu Akka Ta’e Ibsame

91

Hagayya 10/2011 (TOI) - Galmi sabboonummaa Oromummaa nageenya, misooma, biyya wal qixxummaa fi guddinni itti mirkanaawe dhugoomsuu akka ta’e ibsameera.

Kun kan ibsame mootummaan naannoo Oromiyaa haala yeroo ilaalchisee mata duree “Hireen dhaloota hegaree qooda lammummaa har’a bahannuun milkaawa” jedhuun barreeffama ejjennoo baaseeni !

Ummanni Oromoo Oromiyaa har’aa ijaaruuf fagoo imalee, wareegama guddaa kafalee, raroo dabaarra tarkaanfatee as gahuusaa kan mul’ise ibsi kun, Imalli isaa bakka har’a gaheef qofaaf otoo hin tahiin aadaa fi duudhaa boonsaa ganamaa qabuun biyya ijaaree dhaloota heegareef ayaa kaayuufi jedheera.

Qabsoon Oromoo gama tokkoon Oromiyaa fi biyya gidirsitootaa fi saamtoota harkaa baasuu, gama biraan ammoo sabboonummaa Oromummaa biyya walqixxummaa fi dimokiraasiin itti mirkanaawe ijaaruuf akka ta’ee fi adeemsi kun xiiqii nan danda’a jedhuun, wal hubannaa fi miira tokkummaatiin injifannoo wareegamaan argame kunuunfachaa Oromiyaa waa hundaan misoomtee fi badhaate ijaaruun mullachaa jira jedhameera.

Galmi sabboonummaa Oromummaa nageenya, misooma, biyya wal qixxummaa fi guddinni itti mirkanaawe dhugoomsuudha, sabboonummaan Oromummaa madda qaroomina biyyaa fi sabaa fi sablammootaati kan jedhe ibsi kun, Oromoon roorroof harka hin kennu jechuun qabsaawee qabsoofsisee, waan hin danda’amu jedhamu akka danda’amu agarsiisee, dursee abdii biyyaa tahee  kumaatama dukkana keessaa baase ta’uu hubachiiseera.

Kanaaf ammoo Oromiyaa keessatti labsiin tajaajila lammummaa lammiin hunduu qooda itti fudhatee Oromiyaa waan hundaan misoomtee fi badhaate ijaaruun harka keenyaan hiyyummaa ofirraa cabsuuf kaayyeffate Caffeen ragga’ee hojitti galamuun ni yaadatama.

Ummata keenya waamicha sabaa owwaatee, raajii hoojjechaa jiruuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa kabajaa fi ulfina guddaa qabaaf kan jedhe barreeffamni kun, qajeeltoo tajaajila lammummaa duudhaa Oromummaa ganamaatti deebi’uun duudhaa sirna gadaan, marii fi marabbaan wal dhaggeeffachaa furaa deemuu fi Oromiyaa lafa qabbanaa fi nageenyaa gochuun mullachaa jiraachuun ibseera.

Duudhaan sirna gadaa kabajaa fi kunuunsi uumamaaf qabnu guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 211.9 dhaabuun halkanii guyyaa walii tumsaa hojjechuun waan hundaan durgomaa tahuullee kan nutti argisiise, injifachuu malee injifatamuun akka nuuf hin malle kan nuu mirkaneessaa jiruudhas jedhameera.

Dhiigni kaleessa bilisummaa sabaaf dhangala’e ardha lubbuu baraaruuf arjoomame, gocha eebbifamaa akkanaaf lammiin hunduu kabajaaf ulfina qaba, haadha dhiiraa dhiiga dhabdee da’uumsaan  du’aa turteetu itti baraarama jedhameera.

Godinaalee Oromiyaa keessatti mana namoota harka qalleeyyii haaromsuun, abbootii fi haadholii keenya kaleessa nuuf jecha gadi jadhanii bara darbanii hardha akka ol jennee Oromummaa leellifnu nu taasisan godoo irratti diigame ol qabuufii caalaa aantummaan lammummaa akka hin jirre kan mul’ise ibsi kun, meenshaalee baruumsaa arjoomuun, haqa ofii haqaan falmaa galii walitti qabuu fi madda galii ballifachuun, waa’ee fayyaa hawaasaa wal barsiisuun qajeeltoon walii tumsuu qabatamaan hojitti hiikkamaa jiraachuu mullisa.

Duullu qulqullinaa “Ofii keenya jibbarraa naannoo keenya kosiirraa qulqulleessina” dhaadannoo jedhuun marsaa sadiin adeemsifame marsaa 4ffaa Dilbata dhufuutiiniis akka dabalamu abdii guddaa qabna kan jedhe barreeffamni ejjennoo mootummaa naannoo Oromiyaa kun, hojiin tajaajila lammummaa kun  hojii guyyaa tokkoo yookiin hojii ganna tokkoo fi yeroo boqonnaa qofa raawwatamuu, hojii sirneeffamee bara baraan itti fufuudha ta’uu mul’iseera.

Hawaasa ijaaruun, duudhaa Oromummaa ganamaa barsiisuun, halkanii guyyaa hoojjechuun, waan hundumaan dorgomaa tahuun, waan hundumaaf qulqullummaa qabaachuu fi tumsi qooda lammii hundaa tahuu akka qabus ibsameera.

Ummanni keenya akkuma amma jalqabe Nageenya isaa eegsisuurratti, misoomaa fi dimokiraasii ijaaruurratti ijaaramee sochoowuu qaba akka qabu ka eere ibsi kun, injifannoo hardha gonfanne nu danquuf shirri adda addaa xaxamu abbuma shira xaxu nyaataee awwaala malee wanti imala keenyarraa sakandii tokkoofuu of booda nu deebisu hin jiraatu, akka itti fashaleessinuus beekna, ni fashaleessinaas jechuun mirkaneesseera.

Kanaafuu qaamni hundi hardha tajaajilli lammummaa dhaloota biyya isaaf taatu ijaarratu, duudhaa waliin jireenyaa dhaalee dagaagfatu, qooda lammummaa beekkomsaan, humnaa fi qabeenyaan akka bahatu haala mijjeessuun gamatti heegaree dhalootaa ijaaruuf murteessaadha jedhchuun balballoomsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015