Tajaajilli Geejjibaa Baaburaa Finfinnee Kafaltiin Marsaa Tokkoof Gaafatu Birrii 4 Taasise

52

Hagayya 9/2011 (TOI) – Tajaajilli geejjibaa baaburaa Finfinnee magaalaattii kallattii hundaan deemsa tokkoof kafaltiin taasifamu birrii 4 akka ta’u murtaa’uusaa korporeeshiniin baabura lafoo Itiyoophiyaa beeksise.

Geejjibni baaburaa Finfinnee waggaa sadan darban hojii jalqabe fageenya gabaabaaf birrii 2, fageenya giddu galaaf birrii 4, fageenya dheeraaf birrii 6 kafalchiisaa tureera.

 Haa ta’u malee Hagayya 12/2011 irraa eegalee fageenya hundaaf deemsa tokkoof birrii 4 akka kafalchiisu murtaa’uusaa korporeeshinichi ibsa har’a TOIf ergeen beeksiseera.

Jijjiiramni taarifii kun sirna to’annoo mijaa’aa uumuuf, baasii tikeettota addaddaa maxxansuuf ba’u hir’isuuf, sirna tikeettii ammayyeessuuf, akkasumas tajaajila si’ataa kennuuf akka dandeessisu eerameera.

Murteen kun kan darbe sirna taarifaa tokko ta’e diriirsuuf qorannoo korporeeshinichi qorate irratti hundaa’uun akkasumas abbaa taayitaa geejjibaa Finfinnee waliin  mari’achuun ta’uusaa ibsi kun ni agarsiisa.

Geejjibni baaburaa Finfinnee Guyyaa hunda ganama sa’aatii 12 irraa kaasee amma galgala keessaa sa’aatii 4tti tajaajila kennuun guyya guyyaatti namoota kuma 120 ta’an ni keessummeessa.

Baatiiwwan sagal jalqabaa bara bajataa darbeetti imaltoota miiliyoona 29 deddeebisuudhaan galii doolaara miiliyoona sadii ol argachuunsaa gabaafameera.

Liqaa baankii daldalaa baasii fi galii Chaayinaa irraa argamee fi mootummaan Itiyoophiyaatiin ramadame baasii doolaara miiliyoona 475n kan ijaarame geejjibni baaburaa Finfinnee Afriikaatti kan jalqabaa akka ta’e ni himama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015