Nageenyaaf Gatii Wal Qixa Ta'e Kanfallee Bu'aa Isaas Qixa Haa Qooddannu – Gargaaraa Pirofeesaraa Mihiretuu Shaanqoo

97

Hagayya 9/2011 /TOI/ Nageenyaaf gatii wal qixa ta'e kanfallee bu'aa isaas qixa qooddachuu qabna jechuun gargaaraan Pirofeesaraa Mihiretuu Shaanqoo dubbatan.

Naannoolee biyyattii hunda fi bulchinsa magaaloota lamaan irraa dargaggoonni walitti baba'an konfiransii dhimma tokkummaa fi nageenyaa qophaa'e irratti marii taasisaa jiru.

Konfiransiin kun Ministeera Nageenyaa fi Federeeshinii Dargaggoota Itiyoophiyaan kan qophaa'e yoo ta'u, biyyattiitti nageenyii fi tokkummaan akka dagaaguuf kaayyoo kan godhatedha jedhameera.

Waltajjii kana irratti haasawa kan taasisan gargaaraan Pirofeesaraa Mihiretuu Shanqoon akka jedhanitti  "Itiyoophiyaa guddisuuf dhaloota biraa, carraa biraa fi yeroo isa dhufu eeguu hin qabnu " jechuun dubbataniiru.

Kanaafis yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessatti dhimmi guddaan nageenyaa fi tokkummaa mirkaneessuu waan ta'eef hojjechuutu nurraa eegama jedhaniiru.

Wantoota kana dura turan kanneen akka wal kabajuu, tokkummaa, Walii yaaduu fi waliin jiraachuu eegsisnee ceesisuun dirqamaa hunda keenyaati jechun dubbataniiru.

Nageenyaaf gatii wal qixa ta'e kanfallee bu'aa isaas qixa qooddachuu qabna jechunis ergaa dabarsanii jiru.

De’eetan ministeera nageenyaa addee Almaaz Mokonnon gama isaaniin Itiyoophiyaan nagaa akka taatuuf dargaggoonni ga'ee isaanii taphachuu qabu jedhaniiru.

Dargaggoonni biyyattii keessatti argaman nageenya itti fufsiisuuf humna guddaa waan qabaniif humna isaanii kana tokkummaa biyyaaf oolchuu qabu jechuun ibsaniiru.

Keesumattuu dargaggoonni namoota daldaltoota siyaasaa ta'an irraa of fageessuu qabus jechuun dubbataniiru.

Maatiin, Abbootiin amantaa fi namootni biroos dhaloota ofitti amanu horachuuf ga'een isaanii guddaa waan ta'eef jajjabaachuu qabu jedhaniiru.

Hirmaattota konfiransii keessaa takka kan taatee Maskaram Taklaa Haymaanoot yaada kenniteen akka jettetti biyya ijaaruu keessatti ga'een dargaggoonni qaban olaanaa waan ta'eef dirqama isaanii ba'achuu qabu.

Dargaggoo Kaasaahuun Warquu gama isaatiin tokkummaan biyyaa akka dagaaguuf namootni hunduu tumsa taasisuu qabna jedheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015