Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Walga’ii Komishinii Ministirootaa 3ffaa Irratti Hirmaachuuf Ugaandaa Deeman

63

Hagayya 9/2011 (TOI)–Ministirri dhimma alaa Itiyoophiyaa obbo Gadduu Andaargaachoo walga’ii komishinii waliinii ministirootaa 3ffaa irratti hirmaachuuf Ugaandaa deeman.

Ministirri dhimma alaa obbo Gadduu Andaargaachoo walga’ii komishinii waliinii ministirootaa Itiyoophiyaa fi Ugaandaa 3ffaa Hagayya 8 amma 10tti adeemsifamurratti  hirmaachuuf Ugaandaa deemuunsaanii ibsameera.

Itiyoophiyaa fi Ugaandaan dhimmoota siyaasaa, nageenyaa hawaasummaa fi dinagdee irratti waliin hojjechuuf walii galuunsaanii ni yaadaama.

Dameelee walii galtee kanneen hojiirra oolchuuf waliigaltee komishinii ministirootaa waliinii A.L.Atti Adoolessa 22 bara 2011 walii mallatteessanii hojiitti galuusaanii kan mul’ise ibsi kun, walga’iin komishinii ministirootaa waliinii Ugaandaa Kaampaalaatti, Kan lammaffaa Itiyoophiyaa Finfinneetti adeemsifamuun ibsameera.

Sadarkaa hoggantootaatti biyyoota lamaan jidduutti yeroo addaddaati daaawwannaan kan taasifaman yoo ta’u, hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaan jidduu jiru sadarkaa olaanaatti guddisuuf gumaacha guddaa taasisuunsaa ministeerichi hubachiiseera.

Biyyoonni lamaan waltajjiiwwan idil addunyaa fi naannoo miseensa itti ta’an irratti walitti dhihaachuudhaan ejjennoo wal fakkaataa tarkaanfachiisuudhaan hojjechaa akka jiran eerameera.

Itiyoophiyaa fi Ugaandaan walitti dhufenya kan jalqaban bara 1956 yoo ta’u, Ugaandaan bara 1962 Embaasiishee Finfenneetti banatte.

Itiyoophiyaan bara 1987 sadarkaa qonsilaatti banachuudhaan waggaasaatti bara 1988 gara embaasiitti guddifteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015