Qabxiin Qormaataa Kutaa 12ffaa Akka Sirratu Gaafatame

63

Finfinnee Hagayya 9/2011 (TOI) Qabxiin qormaataa kutaa 12ffaa akka sirratu gaafatame.  

Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoon, qabxiin barattoota kuma 5 qormaata guyyoota dhumaatti kennaman sadan irratti sirrii akka hin turre waan bira geenyeef qabxichi akka haqamu ejjennoo qabnu barreeffamaan Eejansii Qormaataa fi Madaallii Biyyoolessaa fi Ministeera Barnootaa beeksifneerra jedhan.

Akkaataa kanaan qormaatichi irra deebiin akka sirrreffamu, qabxiin barattoota kuma 5 deebii qormaataa argataniiru jedhame akka haqamu gaafanneerra jedhan hoggantichi.

Kana malees ibsa eejansichi sababii qormaatatiin maqaa naannolee rakkoon keessatti uumameera jechuun ibsa laaterratti iftoominni akka uumamu gaafatameera jedhan Doktar Tolaan.

Akka ibsa eejansichaatti naannolee maqaan eeraman keessaa Oromiyaan tokko.

Bakki rakkoon kuni itti mudate garuu manneen barnootaa 3 qofa jedhan Doktar Tolaa Bariisoon.

Kanaanis barattoonni qooda keessaa qaban 26 qofa ta'anii utuu jiruu, duuchaatti ibsi kennamuunsaa sirrii miti ejjennoo jedhu qabaachuu ibsaniiru.

Rakkoon uumame kuni furamee hanga ibsi itti kennamuu fi qabxiin barattootaa guutummaatti ibsamutti barattoonnii fi maatiin obsaan akka eegan hoggantichi gaafataniiru.

Ijoolleen ifaajjidhaan itti qophaa'uun seeraan qoraman osoo jiranii warri seeraan ala qabxii argatan dhaabbilee barnootaa seenanii barachuu akka hin qabne ejjennoon hanga fala argatutti akka itti adeemamus ibsaniiru.

Ammatti garuu qabxiin barattoota Oromiyaa gadi bu'eera jedhamee wanti odeeffamaa jiru dhugaarraa kan fagaatedha jedhan.

Qabxiin waliigalaa yeroo itti aanutti ifa kan taasifamu ta'uu Biiroon Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015