Godina Harargee Bahaatti Meeshaan Seeraan Alaa Birrii Miiliyoona 4tti Tilmaamamu Qabame

64

Harar Hagayya 8/2011 /TOI/ Ji'a darbe keessa meeshaan seeraan alaa birrii miiliyoona 4tti tilmaamamu konkolaataa ISUZU 10 niin fe'amee Godina Harargee bahaa irraa gara magaalaa guddoo biyyattiitti darbuuf osoo jedhu qabamuu isaa poolisiin beeksisee jira.  

Qacheelcha poolisii godinichatti hogganaan diivijinii komuniikeeshinii komaandar Suyyum Dagafuu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka jedhanitti meeshaan seeraan alaa kun kan qabame karaa keellaa Togoo Wucaalee gara magaalaa guddoo biyyattiitti darbuuf osoo jedhuu eeruu ummatni kenneeni dha jedhaniiru.

Konkolaataan kunneen kan qabaman magaalaa Gooroo, Qees Ambaa, Dilaalawaa fi iddoo Ifa jaalalaa jedhamanitti eeruu ummatni naannoo sanaa kenneen ta'uus dubbataniiru.

Meeshaan konkolaataa 10niin qabame kunis, meeshaa jijjiirraa Baajaajii, Uffata gosa garaa garaa, qorichoota, Sukkaaraa fi Zayitii, meeshaalee elektroniksii gosa garaa garaa fi nyaataa ta'uus himaniiru.

Meeshaan seeraan alaa gara biyyaatti galuu jiruuf jireenya ummataa irratti miidhaa hedduu waan qabuuf humni nageenyaas kana dhorkuuf ummata waliin ta'uun hojii hojjetu cimsee itti fufas jedhaniiru.

Hojii meeshaa seeraan alaa kana saaxiluu keessaattis ga'een ummataa guddaa waan ta'eef ummatni miseensota poolisii waliin ta'uun hojjechuu qabus jechn dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015