Bu’aan Qorannoo Kosii Gara Xaa’oo Uumamaatti Geeddaru Uumame

154

Adaamaa Hagayya 08/2011(TOI – Teekinooloojiin kosii gara xaa’oo uumamaa fi nyaata looniitti geeddaru ifa taasifamuusaa kolleejiin poolii teekiniikii Adaamaa ibse.

Teekinooloojichi rakkoo qabannaa kosii magaaloota keessatti mul’atu guutummaatti faayidaarra oolchuuf kan dandeessisu ta’uu diiniin kolleejichaa obbo Tashaalee Dhugumaa ibsaniiru.

Teekinooloojii kana nama uume waliin ta’uun ifa kan taasifame teekinooloojiin kun hawaasa biraan ga’uuf fooyyessa diizaayinii fi human oomishuu taasisaa jirra jedhaniiru.

Kolleejiin kun bara darbe teekinooloojiiwwan addaddaa misooma si’achiisuu dandeessisan 28 qorannoodhaan argatee Intarpiraayizoota maayikiroo fi xixiqqaaf dabarsuusaa dubbataniiru.

Bara bajataa haaraa kanatti teekinooloojiiwwwan haaraan 30 qorannoodhaan adda ba’anii pirojektiin bocameefii hojiirra akka oolan qophiin taasifameera.

Teekinooloojii kana kan uuman obbo Daamxoo Gammachuu gamasaaniitiin teekinooloojii kana uumuuf kan isaan kakaase rakkoon qabannaa kosii magaalaa Adaamaa keessatti mul’atu furmaata akka argatu yaaduun akka ta’e ibsaniiru.

Obbo Daamxoon abukaattoo fi nama seeraa yoo ta’an, kennaa addaa qabaniin kolleejii poolii teekiniikii Adaamaaf diizaayinii pirojektii dhiheessuudhaan dhugoomsuusaanii dubbataniiru.

Teekinooloojichi sa’aatii tokko keessatti kosii kuntaala sadii daakuudhaan gara xaa’oo uumamaa fi nyaata looniitti akka geeddaru himameera.

Hambaa kuduraa fi muduraa,kosii mana keessaa ba’u salphaatti dhabamsiisuuf, magaaloota qulqulluu, miidhagaa fi magariisa taasisuuf ga’ee guddaa akka qabaatu dubbataniiru.

Hawaasni teekinooloojii kana birrii kuma 7 amma kuma 10tiin bitatee manasaatti itti fayyadamuu akka danda’u obbo Daamxoo Gammachiis eeraniiru.

Hojii diizaayinii teekinooloojii pilaastikoonnii fi feestaalota osoo hin tortoriin yeroo dheeraaf turan gara oomishoota tajaajila kennaniitti geeddaruuf dandeessisu uumuuf xumurarra akka jiran dubbataniiru.

Kana malees teekinooloojiiwwan misooma dinagdee fi hawaasummaaf oolan afur uumuuf qorannoo pirooppoozaalii xumuraa akka jiran himaniiru.

Teekinooloojii uuman kanaaf waajjira qabeenya waa uumuurraa miraa fi sartafikeettii abbummaa argataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015