Ummatni Biqiltuuwwan Guyyaa "Ashaaraa Magariisaa" Dhaabbatan Kunuunsaa Jira

Ambo Hagayya 8/2ዐ11 (TOI) –  Biqiltuuwwan guyyaa "Ashaaraa Magriisaa" dhaabbatan kunuunsuun galma akka ga’aaniif hojjechaa jirra jedhan jiraattonni Godina Shawaa Lixaa aanaalee Amboo fi Tokkee Kuttaayee. 

Godinichatti biqiltuuwwan guyyaa "Ashaaraa Magariisaa "dhaabbatan Miiliyoona 19 ol kunuunsaa jiraachuus duubbatanii jiru.

Jiraataan aanaa Tokkee kuttaayee obbo Allabal Mangistuu yaada kennaniin akka jedhanitti biqiltuuwwan guyyaa Ashaaraa Magariisaa dhaabbatan kunuunsuu irratti akka argaman dubbataniiru.

Iddoon biqiltuuwwan kunneen itti dhaabbatanitti bishaan akka hin ciisnee fi aramaan akka hin balleessineef hojii bo’oo loolaa baasuu hojjechaan jiras jechuun himaniiru.

Jiraataa ganda kanaa kan ta’an obbo Balaachoo Caalaa gama isaaniitiin biqiltuuwwan dhiheenya kana dhaabbatan kunuunsuu irratti akka argaman himaniiru.

Kunuunsa biqiltuu kanaaf taasisan yeroo waqti bonaas kan itti fufan ta'uus dubbataniiru.

Biqiltuuwwan kunneen looniin akka hin nyaatamneef hojii dallaa itti ijaaruu fi kunuunsuu hojjechaan jiras jedhaniiru.

Biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsuun ga'ee namoota hundaati kan jedhan immoo jiraataa aanaa Amboo obbo Iddoossaa Yaadasaati.

Iddoo biqiltuuwwan kunneen itti dhaabbatan biyyeen lolaan akka hin fudhatamneef hojii biyyee kunuunsuu hojjechaan jiras jechuun Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru.

Waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa godina Shawaa Lixaatti hogganaa kan ta’an obbo  Kabbadaa Dabaloo yaada kennaniin akka jedhanitti godinichatti aanaalee 22 kessaatti biqiltuuwwan miiliyoonni 154 dhaabamaniiru.   

Kunuunsi biqiltuu kunis ogeessa qonnaan deeggaramaa jiras jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015