Biyyattiitti Namootni Daandii Irra Jiraatanii Fi Baala Sammuu Nama Adoochu Fayyadaman Baay’achaa Jiru Jedhame

55

Adaamaa Hagayya 8/2011 /TOI/ Biyyattiitti namootni daandii irra jiraataniifi baala sammuu nama adoochu fayyadaman haala guddina biyyattii duubatti harkisuun babal'achaa jiraachuu Ministeerii dhimma hojjetaa fi hawaasummaa beeksise.

Ministeerichi namoota daandii irra jiraatanii fi baala sammuu nama adoochu fayyadaman waliin haa dhorkinu jechuun guyyaa har'aa magaalaa Adaamaatti marii jalqabeera.

Marii kana hogganaa kan jiran de’eetan ministeera hawaasummaa obbo Geetaahuun Abdiisaa akka jedhanitti biyyattiitti namootni daandii irra jiraatanii fi baala sammuu nama adoochu fayyadaman haala guddina biyyattii duubatti harkisuun babal'achaa jiru jedhaniiru.

Biyyattiitti dubartoonni fi daa'imman osoo hin hafiin jireenya daandii irraaf saaxilammaa jirus jedhaniiru.

Namoota kanas rakkoo kana keessaa baasuuf ummatni hunduu tumsa taasisuutu irraa eegamas jechuun dubbataniiru.

Rakkoo kana hiikuufis magaalaa Finfinnee keessatti namoota rakkoo kana keessa jiraniif furmaata laachuuf hojiin hejjetamaa jiras jedhaniiru.

Naannooleen garuu rakkoo kana hiikuuf humna guutuudhaan hojjechaa hin jiranis jechuun dubbataniiru.

Akka ibsa obbo Geetaahuuniti bara qabame kana keessatti namoota daandii irra jiraatan kuma 22 ol ta'an daandii irraa kaasuuf hojiin jalqabame itti fufa jedhaniiru.

Hirmaattoota marii kanaa keessaas hoggantuun biiroo hojjetaa fi hawaasummaa naannoo Amaaraa doktar Mulunash Abaabaa yaada kennaniin akka jedhanitti rakkoon kun bal'inaan kan mul'atu waan ta'eef pirojaktiin haaraa ta'e qophaa'ee gara hojiitti galamuu qabas jechuun himaniiru.

Mariin gaggeefamaa jiru kun namoota rakkoo kana keessa jiran baraaruuf furmaata akka ta'us dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015