Qabxiin Barumsa Olaanaa Ittiin Seenamu Ifa Ta'e - ENA Afaan Oromoo
Qabxiin Barumsa Olaanaa Ittiin Seenamu Ifa Ta'e
Hagayya 7/2011 Ejensiin madaallii fi qormaata biyyoolessaa qabxii barumsa olaanaa ittiin seenamu ifa taasise.
Daarektarri olaanaa ejensichaa obbo Ar'ayaa Gabragzaabeer akka ibsanitti, barattoonni qorumsa fudhatan qabxiisaanii weebsaayitii ejensichaa app.neaea.gov.et irratti argachuu ni danda'u jedhaniiru.
Lakkoofsa qorumsa ittiin fudhatan saanduqa admiishiin jedhu galchuudhaan qabxiisaanii ilaaluu ni danda'u jedhaniiru.
Ergaa gabaabaa moobaayilii (SMS) 8181 id jechuudhaan ilaaluuf haalli mijachuusaas ibsaniiru.
Bara barnootaa 2011 barattoonni kuma 319 fi 264 qorumsa biyyoolessaa kutaa 12ffaa kan fudhatan yoo ta'u, barattoonni 59 qabxii 600 ol galmeessisaniiru.
Qabxiin 645 qabxii olaanaa bara kanaa ta'ee galmaa'eera.
Qabxiin baranaa kan waggoota darbanii waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu sadarkaa jiddugaleessaarra kan jiru yoo ta'u, barattoonni dhibbantaa 50 ol fidan dhibbantaa 48 tuqaa 59 dha.
Sirna qormaataa cabsuudhaan gabaasa itti dhihaateen qabxiin barattoota 68 haqamuusaa obbo Ar'ayaan ibsaniiru.
Qabxiin barattoota 864 naannolee Amaaraa, Oromiyaa, Kibbaa fi Beeniishaangul qulquleessuuf qabamuusaa ibsaniiru.