Biqiltuuwwan Dhaabatan Galma Akka Ga'aniif Hojii Kunuunsuu Hojjechaa Jirra

Fichee Hagayya 7/2ዐ11 (TOI) –  Biqiltuuwwan dhaabatan galma akka ga'aaniif hojii kunuunsuu hojjechaa jirra jedhan jiraattonni aanaa Giraar Jaarsoo.

Biqiltuu ummataan dhaabatan miiliyoona 150 oliif kunuunsi akka taasifamuuf barnoota kennaa jiraachuu waajjirri Qonnaa fi qabeenya uumamaa Godinichaa beeksisee jira.

Jiraattonni kunneen Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti biqlituuwwan dhaabatan kunuunsuun galmaa akka ga'aniif hojjechaa jirras jedhaniiru.

Jiraataan ganda Warraxuu obbo Akliiluu Raggaasaa akka jedhanitti biqiltuuwwan dhiyeenya kana dhaaban kunuunsuun firiif akka ga'aniif kunuunsaa jira jedhaniiru.

Iddoon biqiltuuwwan kunneen itti dhaabatanitti bishaan akka hin ciisnee fi aramaan akka hin balleessineef hojii bo'oo loolaa baasuu hojjechaan jiras jechuun dubbataniiru.

Jiraataa ganda kanaa kan ta'an adde Faanaayee Baqqalaa gama isaaniitiin mukeen qoraaniif ta'an waggaa 3 hanga 5 keessatti ga'anii itti fayyadamuuf kunuunsa taasisaan jiras jedhaniiru.

Biqiltuuwwan kunneen looniin akka hin nyaatamneef hojii daaa itti ijaaruufi kunuunsuu hojjechaan jiras jedhaniiru.

Ganda Torban Asheetti biqiltuuwwan dhibaa 5 ta'an dhaabuun kunuunsuu irratti kan argaman ta'uu kan dubbatan immoo obbo Mootummaa Gaariiti.

Iddoo biqiltuuwwan kunneen itti dhaabatan biyyeen lolaan akka hin fudhatamneef hojii biyyee kunuunsuu hojjechaan jiras jechuun Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru.

Waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa godina Shawaa Kaabaatti hogganaa kan ta'an obbo Fiqiruu kabbadaas yaada kennaniin akka jedhanitti godinichatti aanaalee 13 kessaatti biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsuun dhalootatti akka darbaniif hojiin barumsa laachuu hojjetamaa jira jedhaniiru.

Barumsi akkaataa qabiinsa biqiltuuwwanii kennamaa jiru kun ji'a darbe irraa eegalee kan jalqabe ta'uu himanii, amma ammaattis namoota kuma 270 oliif laatamuu isaa dubbataniiru.

Barumsi kuniis ogeessa qonnaan kenamu dubatanii, iddoo ummatni hedduminaan itti argamuutti laatamaa jiras jedhaniiru.

Godinichatti guyyaa "Ashaaraa Magarisaa" biqiltuuwwan miiliyooni 12 ol kan dhaabaman ta'u kan himan obbo Fiqiruun biqiltuuwwan kunneen guddatanii galmaa akka ga'aniif kunuunsi taasifamaa jiras jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015