Leenjii Argatanitti Fayyadamuun Ummata Isaanii Tajaajiluuf Qophii Ta'uusaanii Hoggantoonni Aanaa Dagam Ibsan

74

Fichee Hagayya 5/2ዐ11 (TOI) - Hojiiwwan nageenyaa, tasgabbii fi misoomaa naannawa isaaniitti adeemsifaman cimsuudhaan jijjiirama adeemsifamaa jiru sadarkaa olaanaatti ceesisuuf ga'eesaanii akka ba'an qaamoleen hooggansaa naannoo Oromiyaa Shawaa Kaabaa aanaa Dagam beeksisan.

Leenjiin dandeettii fi bulchiinsaa qaamolee hooggansa gandaa aanaalee godinichaa sagal keessatti argamaniif guyyoota 10f adeemsifamaa ture kaleessa xumurameera.

Leenjii kana kan fudhatan keessaa aanaa Dagamitti dura taa'aan magaalaa Hambisoo obbo Nugusee Rattaa yaada kennaniin, leenjichi haala biyyaa fi naannawa isaanii hubachuudhaan ummata tajaajiluuf humna akka ta'eef ibsaniiru.

Haala biyyaa fi jijjiirama amma jiru hubachuudhaan hojii koo sirnaan hojjechuun ummatan gaggeessu amanamummaan tajaajiluuf na dandeessisa jedhaniiru.

Barreessaa ganda Alii Dooroo obbo Mokonnon Waaqjiraa gamasaaniitiin hubannoon leenjicharraa argatan nageenya, tasgabbii fi misooma naannoosaanii cimsuuf akka isaan gargaaru dubbataniiru.

Keessumaa jijjiirama akka biyyaatti dhufe sababeeffachuun hanqina nageenyaa fi tasgabbii mul'atu dhabamsiisuudhaan nageenyi akka kabajamu ga'eesaanii gumaachuuf qophii ta'uu himaniiru.

Af-yaa'iin mana maree ganda Goosee adde Fayyituu Magarsaa galii guddisuuf hojii jalqabame galmaan ga'uuf akka yaalan beeksisaniiru.

Xumura leenjichaarratti itti aanaan bulchaa aanaa Dagam obbo Masaayi Dirribaa hoogantoonni leenjii fudhatan beekumsa bulchiinsaa fi siyaasaa argatan hojiirra oolchuudhaan ummatichi jijjiirama dhuferraa fayyadamaa akka ta'u akka taasisan yaadachiisaniiru.

Dandeettii hooggantootaa cimsuuf walitti fufiinsaan akka hojjetamu kan dubbatan itti gaafatamaan waajjira ODP godinichaa obbo Taaddasaa Wagaree keessumaa miirri ummata tajaajiluu akka gabbatu xiyyeeffannoon kennamee akka hojjetamu dubbataniiru.

Hooggantoonni gandaa fi miseensonni mana maree aanaalee godinichaa 9 keessaa walitti baba'an kuma 2 fi 469 leenjii kanarratti kan hirmaatan yoo ta'u, sanadoota leenjiif qophaa'an irratti leenjii fudhataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015