Dorgommiin Madaallii Leenjii Guddattootaa Xumurame

70

Hagayya 04/2011 /TOI/ Dorgommiin madaallii leenjii guddattootaa Magaalaa Shaashamanneetti torban lamaaf gaggeeffamaa ture xumurame.

Wayituma kana haasawa kan taasisan komishinarri komishinii ispoortii Oromiyaa obbo Naasir Huseen akka jedhanitti guddina ispoortii bu’uura guddaa fi ummataawaa ta’e uumuuf hojiin guddattoota irratti hojjetamu ga’ee olaanaa qaba. 


Komishinichis hojii irra oolmaa karoora misooma ispoortii karaa saayinsaawaa ta’een hojii irra oolchuuf hojii bal’aa hojjetaa jira jedhaniiru.

Haluma kanaan hojii leenjii guddattootaa xiyyeeffannoo guddaan akka hojjetamu taasisuun jijjiirama guddaan akka dhufu taasisee jira jechuun dubataniiru. 

Dorgommii magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffame kana irratti ispoortessitoonni kuma 2 fi  231 kan hirmaatan ta'uus dubbataniiru.

Lakkoofsi dorgomtootaa kan kana dura gaggeeffamaa turee olitti guddatee jira.

Akkasumas, akaadaamii biyyoolessaa baayyinaan guddattootni naannoo Oromiyaa akka seenan taasisaa jira jedhaniiru.  

Dhimma guddattootaaf xiyyeeffannoo kennamuu akka naannootti sadarkaa olaanaa fi ammayyaa’aa ta’etti guddisuuf akkaadaamii Amboo fi Boqojjii rakkoo gaggeessummaa duraan ture hiikuun ogeessota ga’umsaa fi dandeettii guddaa qabaniin bakka akka bu’u taasifamee jira.

Karaa biraan akaadamii Magaala sulultaa Birrii miiliyoona 800 ijaarsisuu irratti kan argamu yoo ta’uu dhibbeetaa 60 oli irraan ga’ee jira.

Yeroo xumuramuu guddattoota naannoo keenyaaf carraa hedduu kan banuu dha.

Dabalataan Pirojekteetaaf kallattiin deeggarsi adda addaa maallaqa guddaan deeggaruun hojjetaa jira.

 Kunis egeree ispoortii biyya keenyaaf komishiniin ispoortii xiyyeeffannoo addaa kennuun kan hojjetu ta’uu isaa qabatamaan hojii agarsiisu akka ta'e ibsaniiru.


Gareewwan naannoo bakka bu’uun dorgomuuf filataman injifannoo caalmaaf of qopheessuun olaantummaa dorgommii biyyaalessaa irratti qabu mirkaneessuun akka xumuran imaanaan isinitti kenname guddaa ta’uu isaa hubachuun, Injifannoo kanaaf of qopheessuu akka qaban dhamaniru.


Sirni cuufiinsaa kunis gareewan ispoortii adda addaatin moo'aniif badhaasa waancaafi badhaasa keennuun xumurameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015