Pirojektiiwwan Misooma Bu'uuraa Adda Addaa Birrii Miiliyoona 186 Ol Ta'uun Hojjetaman xumuraman

48

Hagayya 4/2011 /TOI/ Godina Buunnoo Beddelleetti bu’uuraaleen misoomaa rakkoo ummataa hiikanii fi barootaaf gaaffii ummataa kan turan birrii miiliyoona 186 oliin hojjetamanii tajaajila keenuu egalaniiru.

Piroojaktiiwwan kunneen keessaas bishaan dhugaatii, daandii fi riqaalee, ijaarsa manneen barnootaa, buufataalee fayyaa dabalatee piroojektotni gurguddoon 25 hojjetamaniiru.

Keessumaa pirojektiiwwan bara 2010 jalqabamanii hin xumuramiin bara irraa baratti ce’an lakkoofsaan 11 ta'an bara kana akka xumuraman taasifameera.  

Kanneen bara 2011 eegalamanii hin xumuramiin hafan immoo bara 2012tti xumuruuf karoorfameera.

Hoogganaan waajjira Bulchiinsa Godina Buunnoo Beddellee Obbo Tolasaa Biilloo bara hojii 2011 godinichatti hojiiwwan nagaa fi tasgabbii uumuu raawwatamaa tureen alatti oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluu, hojiiwwan bulchiinsa gaariif dhimmoota ijaarsa misooma bu'uuraa hojjetamaa tureen milkaa'inni gaariin jira jedhan.

Hojiiwwan hedduun haala yeroo fi hubannootiin harca'an muraasni jiran immoo fuulduratti hiikamuu waan qabaniif hojiiwwan keenya bara 2011 xiinxallee bara hojii 2012tti raawwii gaarii galmeessisuuf kallattii kawwachuufi jedhan.

Waliin gahiinsa pirojektiiwwan misooma bu'uuraatiif fedhiin hawaasni godinichaa qabu guddaa waan ta'eef ammallee hanqinni bu'uuraalee misoomaa waan jiruuf godinichatti bu'uraalee misoomaa bal'inaa fi ariifannaan xiiqeffatanii hojjechuu barbaachisa jedhan.

Karoora hojii bara 2012f qophaa'e akkaataa itti milkeessuu danda'anirratti mariyachuun kallattii raawwiisaas kaa'aniiru jechuun Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015