Koreen Hojii Raawwachiistuu Adda Demokraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) Walga'iisaa Gaggeessaa Ture Kaleessa Xumureera

71

Finfinnee Hagayya 4/2011 (TOI) – Koreen hojii raawwachiistuu Adda Demokraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) walga'iisaa gaggeessaa ture kaleessa xumureera.

Wal ga'ii kana Hagayya 2/2011 eegaluun isaa kan yaadatamu dha.

Walga'ichaanis haala waqtaawaa biyyaa fi dhaabaarratti mari'achuudhaan kallattii kaa'eera.

Miseensi koree hojii raawwachiistuu ADWUI fi Waajjira ADWUItti itti gaafatamaan dhimma paartilee siyaasaa fi siiviikii obbo Fiqaaduu Tasammaan walga'ichaan marii gaggeeffameen kallattiin ummataa fi mootummaa itti fufsiisan kaa'amaniiru jedhaniiru.

Dhimmoota akka rakkootti ka'aniif kallattiin furmaataa kaa'ameera.

Jijjiirrama akka biyyaatti dhufe waliin hanqina kan jedhamanis adda baasuun, ummata hirmaachisuun fulduratti deemuun akka barbaachisu ibsameera.

Dhaabbileen miseensa ADWUI ejjennoo tokkummaan ariitii walfakkaataan socho'uu dhabuun akka hanqinaatti ka'eera. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015