Dhaabbanni Tajaajila Faayinaansii Biyya Alaa Kennu Itiyoophiyaatti Jalqabaaf Eeyyama Argate

141

Finfinnee Hagayya 3/2011 /TOI/- Dhaabbatni abbaa qabeenyaa biyya alaatiin hundaa'e " Itiyoo liiz " jedhamu tajaajila faayinaansii biyya alaa Itiyoophiyaa  keessaatti  kennuuf eeyyama Baankii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa irraa argate. 

Dhaabbatni Iityoo-Liiz kun meeshaalee jajjaboo ofii isaan bituun dhaabbatoota garaagaraaf kan kireessu yoo ta'u, yeroo walii galteen kun dhumes meeshaa sana dhaabbatni kireeffate kun kan fudhatu ta'a jedhameera.

Sirna dhaabbata kana hojii eegalsiisu kaleessa galgala gaggeeffame irratti Bulchaan Baankii Biyyooleessaa doktar Yinnaagar Dasee, komishiinarri Investimantii Abbabaa Ababaayyoo Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Maaykil Reeynar fi hoggantoonni dhaabbatichaa argamanii jiru jedhameera.

Hoji gaggeessaa dhaabbata Itiyoo Liiz obbo Girmaa Waaqee wayita kana akka jedhanitti dhaabbatichi meeshaalee sharafa biyya alaa hedduu gafatan gara biyyaatti galchuun dhaabbatoota garaa garaaf ni kireessa jedhaniiru.

Dhaabbatichi meeshaalee qonnaa, tiraaktaroota, meeshaalee Telekomunikeshinii, maashinoota boolla bishaan gadi fagoo qotanii fi maashinoota qorannoo yaalaa MRI (MRI scanners) liiziidhaan akka kireessus himaniiru.

Bulchaan baankii biyyoolleessa Itiyoophiyaa doktar Yinnaagar Dasee gama isaaniitiin dhaabbatni kun sharafa biyya alaa biyyattiin baastu kan hambisu dha jedhaniiru.

Komishinarri Investimantii Ababaa Ababaayyoos yaada kennaniin dhaabatni kun hojii jalqabuun isaa namoota hedduuf carraa hojii kan uumu dha jedhaniiru.

Dhaabbatni Iityoo-Liiz dhaabbata teessoosaa Ameerikaa Niiwyoork taasifatedha.

Dhaabbatichi hojii yammuu eegalu meeshaalee Doolaara miiliyoona 400 gara biyyaa galchuuf karoora qaba.

Dhaabatni kunis  biyyoota Afriikaa 5 keessatti kan hojjetu yoo ta'u, Afrikaan Kibbaa, Naayijeeriyaa fi Moorishiyees isaan beekamoota dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015