Dargaggoonni Hojii Tola Ooltummaa Irratti Bobba’an Hojii Bu’a Qabeessa Hojjechaa Jiru

100

Harar Hagayya 2/ 2011(TOI – Dargaggoonni Godina Harargee Bahaa kuma 492 hojii tola ooltummaa bu’a qabeessa hojjechaa akka jiran waajjirri dubartootaa, daa’immanii fi dargaggootaa beeksise.

Dargaggoonni hojii tajaajila tola ooltummaa gannaa baatii lamaaf turu irratti bobba’an hojii misoomaa birrii miiliyoona 10 olitti tilmaamamu ni gumaachu jedhameetu eegama.

 Bakka bu’aan waajjira dubartootaa, daa’immanii fi dargaggootaa godinichaa obbo Toofiiq Abdurahamaan akka ibsanitti hojii tola ooltummaa hojjechaa jiran keessaa biqiltuu dhaabuu, dhiiga arjoomuu, barumsaa fi ittisa eedsii fi dhimmi da’umsaa keessatti argamu.

Hojii amma ammaatti hojjetameen gumaacha birrii  miiliyoona 3 olitti tlmaamamu gumaachaniiru.

Dargaggoota naannawa kanaa qindeessuudhaan wayita gannaatti biqiltuu dhaabuu, qulqullina magaalaa fi dhiiga arjoomuurratti hirmaachuudhaan hojjechaa akka jiran kan hime ammoo jiraataa aanaa Kombolchaa dargaggoo Bal’isaa Usmaa’il dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015