Imbaasiin Itiyoophiyaa Naayiroobiitti Argamu Lammiilee 64 Gara Biyyaatti Deebisuu beeksise

49

Finfinnee Hagayya 02/2011 (TOI) -  Lammiilee Itiyoophiyaa 64 Keeniyaatti hidhaarra turan gara biyyaatti deebi'uu isaanii Imbaasiin Itiyoophiyaa Naayiroobiitti argamu beeksiseera.

Lammiileen seeran ala Keeniyaa galan kunneen gara Afriikaa kibbaa imaluuf karaa Keeniyaa darbuuf yeroo jedhan to'annoo jala ooluu isaanii himee jira.

Imbaasiin Itiyoophiyaa Keeniyaatti argamus hojii hojjateen namoota 54 kutaa diphaa keessaatti qabamanii hidhaman hiiksisuu danda'ee jira jechuun himee jira.

Namootni 10 ammoo karaa Mooyaalee gara keeniyaatti darbuuf yeroo jedhan kanneen qabamani dha.

Imbaasichi mootummaa Keeniyaa waliin marii taasiseen himanni isaanii adda citee gara biyyaatti akka deebi'an taasifame.

Walumatti namootni 64 kunneen himannaan isaanii adda citee gara biyyaatti deebi'uu danda'anii jiru jechun Imbaasiin kun beeksisee jira.

Lammiilee Itiyoophiyaa 5 ammoo daddabarsitoota seeraan alaa waliin hidhata qaban jechuun poolisiin qorannoo dabalataaf nan barbaada jedhus, dhimma isaaniis Imbaasichi dhiyeenyatti hordofaan jira jedheera.

Gama daddabarsitootaan daangaa qaxxaamuranii kanneen Keeniyaa galanii manneen hidhaa garaa garaa keessa turan 64 gara biyyaatti akka deebi'an taasifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015