Ispoortessitoota Ciccimoo Horachuuf Guddattootarratti Hojjetamaa Jira ---Komishinii Ispoortii Oromiyaa - ENA Afaan Oromoo
Ispoortessitoota Ciccimoo Horachuuf Guddattootarratti Hojjetamaa Jira ---Komishinii Ispoortii Oromiyaa

Adoolessa 27/2011 /TOI/ Ispoorteessitoota ciccimoo horachuuf guddattootarratti hojjetamaa jira jechun Komishiniin Ispoortii Oromiyaa beeksise.
Dorgommiin madaallii sagantaa leenjii gudatoottaa 7ffaa Oromiyaa Magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffamaa jira.
Komishinarri komishinii Ispoortii Oromiyaa Obbo Naasir Huseen akka jedhanitti biyyi keenya keessattuu naannoon Oromiyaa atileetota ciccimmoo sadarkaa addunyaatti injifannoo boonsaa galmeesisan hedduu horattee jirti.
Seenaa boonsaa kanas caalmaan itti fusiisuuf ballinaa fi qulqullinaan iddoowwan taalentii ta'an addaan baasuun irraatti hojjechuun dhimma murteessaa fi tumsa hundaa gaafatu dha jedhaniiru.
komishiniin ispoortii Oromiyaas kana hubachuun hojii guuddaatoota irratti hojjetu xiyyeefannoo addaan hojjechuu irratti argama jechun himaniiru.
Komishiniin Ispoortii Oromiyaa hundee irraa bakka bu’oota horachuuf kalandara hojii madaallii yeroo isaa haala eegeen akka gadi-bu’u gochuu, kalandara madaallii baye bu’uura godhachuun sadarkaa buufata magaala fi ganda baadiyaa irraa kaasee hanga godina fi magaalaa gahutti akka gaggeeffamu Obbo Naasir ibsaniiru.
Misoomni ispoortii karoora hiixataan hogganamu bal'inaan fi qulqullinaa guddattoota irratti kan hojjetu ta'uu dha kan himan.
Dorgommiin Sagantaan leenjii gudattootaa ga’ee ol’aana kan gumaachan ispoortesitoota ciccimoo naannoo bakka bu’anii fi boriif abdii biyyaa ta’an kan itti calalaman akka ta’us ibsaniiru.
Waldorgommiin Dorgommii madaallii sagantaa leenjii guddattootaa 7ffaa Oromiyaa Magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffamaa jiru kunis gosoota ispoortii garaa garaatiin itti fufee jira.