Jijjiirama Akka Biyyaatti Eegalame S'achiisuuf Gaggeessaa Gahumsaa Fi Quuqamaan Hoogansa Kennu Horachuun Murteessaadha

104

Adoolessa 27/2011 /TOI/  Itti Aanaa pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Jijjiirama akka biyyaatti eegalame ariitiin fuulduratti tarkaanfachiisuudhaaf gaggeessaa gahumsaa fi quuqamaan hoogansa kennu horachuun murteessaadha jedhan.

Leenjiin gaggeessitoota iddoo gara garaarraa walgahaniif guyyaa 15f Magaalaa Jimmaatti kennamaa ture bakka Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti xumuramee jira.

Obbo Shimallis Abdiisaa xumura leenjichaarratti argamuun hooggansi yeroon gaafatuu fi barbaadu hooggansa halkanii fi guyyaa hojjatee gadadoo fi hiyyummaa ummata keenyarraa buqqisuu danda’u akka tahe dubbatanii jiru.

Hooggansi Mootummaa Naannoo Oromiyaa sadarkaa gara garaarratti argamu sochii hawaas dinagdee ummata keenyaa fooyyeessuun adda duree tahuun hoojjechuu qaba.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas tahe ODPn dandeettii raawwachiiftummaa hooggansaa cimsuun gaaffiiwwan diinagdee, hawaasummaa fi bulchiinsa gaarii ummanni keenya qabu karaa guutuu taheen deebisuuf ciminaan hoojjechaa jira.

Gama Kanaan hooggansa cimaa, naamusaa fi kaka’umsa cimaan ummata tajaajilu horachuuf marsaa gara garaan hooggansa kuma 20 ol leenjisuun danda’amera.

Hooggansi leenji’ees waan leenji’e hojitti hiikuun Oromiyaa dirree misoomaa fi nageenyaa gochuu keessatti bu’aan gaariin galmaawaa jira.

Hooggantoonni amma leenjii xumuraniis beekkomsa argataniin ummata isaanii amanummaan tajaajiluun fedhiif faayiddaa ummata keenyaa guutuun jijjiirama akka naannoo fi biyyaatti jalqabame bu’aa caalutti ceesisuuf ciminaan hoojjechuu akka qaban dhaamsa dabarsanii jiru. odeeffannoon kan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaatti. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015