Labsiin Hojii Baankii Fi Gumuruukii Fooyyessuuf Ba'e Sagalee Guutuun ragga'e

65

Adoolessa 24/2011 /TOI/- Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa walga'iisaa ariifachiisaan labsii hojii baankii fi Gumuuruukii fooyyessuuf ba'e sagalee guutuun raggaasiseera.

Labsiin hojii baankii fooyyessuuf dhiyaate labsii 1159/2011 ta'ee yoo ragga'u, labsiin Gumuruukii labsii 1160/2011 ta'ee ragga'ee jira.

Labsiin hojii baankii fooyyessuu kun namootni dhalataa biyya Itiyoophiyaa ta'anii lamummaa biyya alaa qaban hojii Investimentii baankii irratti akka hin hirmaanne dhorkaa ture kaasee jira.

Hojiin labsii kana fooyyessuu kunis namootni dhalataa biyyaa Itiyoophiyaa ta'anii lamummaa biyya alaa qaban hojii kana irratti hirmaatanii biyyaaf ga'ee isaanii akka gumaachan kan taasisu dha jedhameera.

Labsiin kun dabaltaanis hojii baankii dhala irraa bilisa ta'e dhaabuufis kan gargaarudhas jedhameera.

Haaluma wal fakkaatuun labsii Gumuruukii meeshaalee yeroodhaaf kuufaman guyyaan isaan itti turan akka gadi bu'u taasifameera.

Hojiin labsii fooyyessuu kunis biiroleen mootummaa garaagaraa kanaan duraa eyyama meeshaan taksii irraa bilisa ta'e akka galu kenna turan dhaabbatee, hojiin kun ministeera Galiiwwaniin qofa akka kennamu ta'ee jira.

Meeshaan taksii irraa bilisa ta'ee gales hojii yaadameef irra qofa akka oolu to'achuuf nama gargaraa jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015