Aggaarootti Dhaabbileen 15 Biqiltuu Kunuunsuuf Iddoo Fudhatan

149

Jimma Adoolessa 22/2011 (TOI) – Godina Jimmaa magaalaa Aggaarootti dhaabbileen 15 sagantaa guyyaa Ashaaraa magariisaarratti hirmaatan biqiltuu dhaaban kunuunsanii guddisuuf akka isaan dandeessisu iddoo fudhatan.

Dhaabbileen mootummaa fi mit-mootumma paarkiiwwan har’a biqiltuu keessa dhaaban amma dhumatti kunuunsuuf kantiibaa bulchiinsa magaalaa Aggaaroo Obbo Eeliyaas Sharafaa harkaa mallatteessanii fudhataniiru.

Dhaabbileen kunneen paarkiiwwan kanneen mallatteessanii fudhachuun isaanii biqiltuuwwan kunuunsanii guddisuuf faayidaa olaanaa akka qabaatu kantiibaan kun dubbataniiru.

Har’a  magaalaa Aggaarootti ummataa fi dhaabbilee addaddaatiin biqiltuun kuma 150 ol kan dhaabame yoo ta’u, erga ganni seenee asitti walumaa gala biqiltuun miiliyoona 1 dhaabamuusaa odeeffannoon bulchiinsa magaalaa Aggaaroorraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015