Sagantaan Biqiltuu Dhaabuu Godinaalee Oromiyaa Sadii Keessatti Adeemifamaa Jira

73

Naqamtee/Nagallee/Gobbaa Adoolessa 22/2011 (TOI)- Godinaalee Naannoo Oromiyaa sadii keesatti guyyaa shaaraa magariisaa sababeeffachuudhaan sagantaan biqiltuu dhaabuu adeemsifamaa jira.

Haala kanaan godinaalee Horro Guduruu Wallaggaa, Gujii fi Baaleetti barii irraa eegalee biqiltuun dhaabamaa jira.

Godina Horroguduruu Wallaggaatti biqiltuu dhaabamaa jiru irratti abbaan Gadaa Dachaasaa Wadaajoo dhaabbiin biqiltuu kun lammiileen sanyii, amantaa, afaanii fi umriidhaan osoo gargar hin ba’iin guyyaa tokkummaa keenya itti agarsiifnudha jedhaniiru.

Bulchaan godinichaa obbo Jabaa Addunyaa biqiltuu dhaabuun naannawa fayyaalesaa fi uumuu fi guddina dinagdee si’achiisuuf akka dandeessisu dubbataniiru.

Godinichatti ummanni kuma 192 fi 400 ol biqiltuu dhaabuurratti hirmaachuudhaan biqiltuuwwan miiliyoona 7 akka dhaabaman kan ibsan itti gaafatamaan qajeelcha qonnaa fi qabeenya uumamaa obbo Mahaammad Abbaamilkii ti.

Kana malees godina Baaleetti guyyaa Ashaaraa magariisaa sababeeffachuun biqiltuun dhaabamaa jira.

Kantiibaan magaalaa Gobbaa obbo Ahimad Haajii sagantaa kanarratti akka dubbatanitti hojiin kun gammoojjummaa hir’isuurra darbee tuurizimii akka guddisu ibsaniiru.

Godinichatti biqiltuuwwan miiliyoona 9 tuqaa 5 akka dhaabamantu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015