"Biqiltuun Dhimma Jireenyaa, Dhimma Aadaa, Dhimma dinagdeet, Muka Jechuun Nuyi"--- Ministira Muummee Abiyyi Ahimad

171

Dhimmi Biqiltuuwwanii Nu’iif Dhimma Miidhaginaa Qofaa Miti, Dhimma egereeti, Dhimma Amantummaati, Dhimma Aadaati, Dhimmaa dinagdeeti, Biqiltuu Jechuun Nu’i, Nu’i Jechuun Ammoo Biqiltuudhaan Ala Waawuu Miti.

Ergaa Mummicha Ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad Wixata Adoolessa 22/2011 guyyaa dhaabbii biqiltuu akka biyyaalessaatti  adeemsifamu ilaalchisuun ergaa dabarsan. 

Finfinnee Adoolessa 20/2011 /TOI/  Baroota hedduuf samii Itiyoophiyaa jalatti kan wal harkaa fuudhamee faarfamaa ture ‘jiituu biyyaa koo’ kan jedhuu haqa har’aa yadaloo ijoollee keenyaa, guraa keenyaaf yaadannoo  yeroo hundaati.  

Kaleessa haqaa fi dhara kan ture, har’a garuu dilbii fi didhaa ta’ee qalbii lammii Itioophiyaa hundaa keessa marmaara.

Dhugaa dha! Biyyi keenya jiituu turte. Har’a garuu miti. 
Sababnisaa abbootiin keenyaa kan nuuf tursiisan nuti ammoo dabaree keenya dhala keenyaaf hin tursiisne.

Nutis jiidhinaa fi miidhagina magariisummaashee yaadanoodhaan firoomsinee galfata nyaanneerra.

Faaruuwwan keenya qofa utuu hintaane afoola keenyaa keessatti biyyi keenya bosonaan akka guutamte jedhaa nutti himani.

Bineensota afoolawwan keenya keessa jiran har’a naannawa keenyatti hin argannu.

Dhimmi biqiltuuwwanii nu’iif dhimma miidhaginaa qofa miti. Dhimma egereeti. Dhimma amantummaati. Dhimma aadaati. Dhimma dinagdeeti. Biqiltuu jechuun nu’i. Nu’i jechuun ammoo biqiltuudhaan alaa waawuu miti.

Jijjiirama haalli qilleensaa irraa kan ka'e gammoojjummaan babal’atee biyyi keenya balaarratti kuffisuu bira darbee asxaa maqaashee hanga ta’utti ga’eera.

Waggoota 40 darbanitti qofa ongee kokkofalchiisaa nu rukutuun midhaan nyaataan of danda’uuf qabsoon taasifnu qormaata keessa galcheera, lammiilee keenya utubaa kabajaarraa gadi buusee hirkattummaarra kaa’eera.

Waqtiiwwan roobaa walbuusuudhaan lageen olloota keenyaafillee ga’aa turan hir’ataa, burqaaleen keenya dhabamaa, baddaan, gara baddaa dareetti , badda dareen gara gammoojjiitti jiiramuudhaan itti fufiinsa egeree keenyaatti balaa fuullesseera.

Fuulduree egeree keenyaa matuma ilkaanuma keenyaan folloqsinee, kan turee diignee akka hinturree taaneerra.

Magaalonni keenya gama tokkoon aara warshaa fi konkolaattotaatiin, faalamu, gama biraatiin ammoo biqiltuuwwan keenya akkaa aduu sadi’iitti ibiddaan nyaatamanii dhumaa jiru.

Magaalonni keenyaa bakka qubannaa ta’uun hafanii bakka jireenyaa akka ta’aniif magaalota bosona uffatan ta’uu qabu.

Mudhii keenyaa hidhanee, hidhoonni hojjennu dhaqdhaqiidhaan akka hinguutamnee fi hanqina bishaaniin dheebotaa, dhamaatii keenya gatii dhabsiisaa jira.

Harka keenya harka keenyaan muraa didhaan gaabbii keenyaa hedduudha. Didhaan keenya kun nu onnachiisee miira ni dandeenya jedhu nutti horee, gara xurree magariisummaa keenyaa nu mil'achiisedha.

Didhaa qofaa yoo taane garuu iyyi keenya kan hinxumuramne foolii bishaanii qofa kan ta’uudha.

Haroowwna keenya bakka qabatanii turaan gadhiisaa, kanneen tokko tokkoo ammoo bakka turanirraa baqataa kanneen biroo gogsaa jiru. Gaddi keenya cimaa ta’a.

Laggeen akka Haromaayaatiin immimmaan cobsine maddii keenya irraa utuu hinqoorre egeree haroowwanii fi laggeen keenyaa kanneen biroodhaaf gadda kaadhimaa borii keenyaa dimimmisiiseera.

Kanarraa ka’uun qabeenyaa qurxummii keenyaarratti qormaanni fuulleffateera.

Simbirroon haroowwan keenyarra qubatanii turan biyyattii gadhiisanii balali’aa, lubbuu qabeeyyiin haroowwan keenya keessa jiraatanis sanyiiwwan isanii  badaa jira.

Imimmaan keenyaa ija keenyarraa qoorsuu fi iyya keenya gara faaruutti jijjiiruudhaaf eenyu nuuf haa birmatu? Dhukkubbii fi sisiqii keenyaaf dhidhiibduu fi wal’aanaan harkuma keenya.

Addunyaan manneen ajaa’ibsiifatan kan ijaaraman mukkeen biqiltuu biyyatti  argamaniini.

Keessoo isaaniitti kan argaman hambaalee fi kitaabonni qulqulluun kan hojjetaman mukkeen itiyoophiyaanotaarraa ture.

Fakkiiwwan keenya, hambaalee fi meeshaaleen keenya hundinuu bu’aalee bosona keenyaati.

Angafoonni keenya fuula irratti kalqanii fi barreeffamoonni garagaraa, foddaa fi balbaloonni keenya bu’aalee bosona keenyaa turani.
Gochaaleen dhufaa darbee keenyaa bosona keenya cimsanii dharra’uu. Addunyaan magariisaa jalqabaa fi dhumaa waan hundaa keenyaati.

Cidhii fi gaddi keenya, sagannii fi salaatni keenya, dhalchuu fi du’uun keenya, waaqeffannaan duudhaa balabalaa keenyaa fi taphoonni keentaa illee mukkeen bosonaa keenyaa waliin firoomaniiru.

Jireenyi keenya bosona keenya waliin kan walitti hidhatedha.  Haphachaa adeemuun bosona keenyaa duudhaaleen keenyaa akka haphataa adeeman taasiseera. 
Araara, jaarsummaa, marii, seenaan aadaa keenyaa keessatti himannu gaaddisa mukkeenii  jala jiru.

Laphee fi yaadannoo lammii itiyoophiyaa hundaa keessa, bosonni magaariisa keenya, bakka bu’oota gaarummaa, jaalalaa, nageenyaa, jireenyaa fi abdiiti.

Yaadannoo dhalataa baadiyyaa fi dhalataa magaalaa keessatti kan argaman firiiwwan bosonaa qaamolee aadaa keenyaati. Kan biraan yoo hafellee meeshaaleen muuziqaa keenya kan tolfaman bu’aa bosonaa irraati.

Akka aadaa keenyaatti waddeessi tokko kufuun kufaatii muka tokkoo utuu hintaane mallattoo kufaatii nama guddaa tokkoo maanguddoo tokkooti.

Biyya keenyatti jireenyi lammiilee keenyaa hedduu bosonaa fi bu’aa bosonaarratti kan hundaa’edha. 
Firiiwwan bosonaa funaanuudhaan, baala bosonaa walitti qabuudha, bu’aalee bosna muruudhaan, bu’aalee bosnaa gara meeshaalee garagraatti jijjiiruudhaan, gurguruudhaan jireenya isaanii kan bu’uureffataniidha.

Maddeen Sharafa alaa biyyattii ijoon kallattiinis al kallattiinis  bu’aalee bosonaa waliin kan walitti hidhate dha. 
Bosonnii fi bineensonni bosonaa keenya maddaa bu’uraalee galii tuuriizimii keenyaa, faayaalee boqonnaa ijaa keenyaa, duudhaa aadaa fi amantaa keenyaati.

Akkumaa kanaan dura jennu biyyi kun kan abbootii keenyarraa dhaalle qofaa utuu hintaane, dhaloota keenyaaf wabii ta’uushee yaaduu qabana.

Nutis dabree keenya dhaloota ittaanutti yommuu dabarsinu gammoojjummaa, gubaa, ongee fi dhaqdhaqqii ishee waliin akka hintaane hojii manaa keenya hojjechuu qabna. 

Uwwisni bosonaa biyya keenyaa akka dandamatu taasisuudhaaf galama ga’uu egeree amanamummaa keenyaa eeggachuu, aadaa keenya dagaagsuu, diinagdee keenya cimsuudha.

Biqiltuu biiliyoona afur dhaabuuf yommuu kaanu egeree, amantaa, aadaa fi dinagdee keenyaaf jennee hidhanne ka’uu kenya dabalata.

Ummanni kaabaa, Kibbaa, Bahaa Dhihaa kaka’umsi argisiise mual’ata kana akka hubate mul’isa.

 
Mul’ata akka biyyaatti jiru kana milkeesuuf hanga ammaatti hirmmaannaa ashaaraa magariisaa lafa qabsiisuuf taasifame biqiltuuwwan biiliyoonatti lakkaa’amu dhaabneerra.

Wiixata Adoolessa 22 guyyaa dhaabbii biqiltuu biyyaalessaati, guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 200 dhaabuudhaan galmaa addunyaa ni ceena.

Ganni kun darbuun dura biqiltuuwwan biiliyoona afur dhaabuudhaan galma kaa’ame ni geenya.

Milkaa’ina kana fiduudhaaf waajjiraaleen ministeerotaa, hooggantoonni naannolee, abbootiin amantii, hojjettoonni buufata misooma biqiltuutti argaman, hayyoonnii fi ogeessonni biirolee qonnaa, ogeesonni og-barruu, komediyaanonni, itti gaafatamtoonni miidiyaalee fi gaazexessitoonni, daldaltoonnii fi korporeshiniiwwan guguddaan dargaggoonii fi daa’imman konkolaachistootaa fi dafqaan bultoonni gahee bakka bu’iinsa hinqabne bahataniif maqaa koo fi maqaa mootummaa FDRItiin galateeffachuun fedha.

Dhimma biyya tokkootiif, tokko taanee kaayyoo tokkoon yoo kaane kan nuti dadhabnu akka hinjirre milkaa’inni ashaaraa magaariisaa ragaadha.

Biyya keenya bosonni irraa haphataa jiru uwwisuudhaaf akkuma kaane biyya keenya nageenyi, jaalallii fi dhiifamni itti haphataa jiru tokko taanee kanas uwwisuu qabna.
Biqiltuu biiliyoona afur Ganna tokkotti dhaabuu yoo dandeenye, qajeelfamoota biyyaalessaa barbaachisoo afran: nageenya, dhiifama, jaalalaa fi tokkummaa dhaabuu fi guddisuun humna nu hinlaaffisu, Gonkumaa!

Guyyoota hafanitti biqiltuuwwan dhaabne eeguudhaan, kunuunsuu fi firii dhaaf dhaqqabsiisuuf dhaabuu qofaa utuu hintaane guddisuu akka dandeenyullee haa argisiisnu. 
Biqiltuun, saba, afaanii fi siyaasa hinqabu.

Biqiltuu hundi kan hunda keenyaati. Hojiin hojjennes kan hundumaati. Kunuunsii fi eegumsi isaas garaagartumma kanneen hundaa darbuudhaan hojiirra ooluu qaba.

Adoolessa 22 hundi keenya duulaan ba’uudhaan, biqiltuuwwanis qixaan dhaabuudhaan, ashaaraa magariisaa keenya lafa haa qabsiisnu. Har’as boris haa dhaabnu. 
Itiyoophiyaan carraaqqii ijoollee isheetiin hortee, kabajamtee, badhaatee bara baraan haa jiraattu.

Rabbi Itiyoophiyaa fi ummatashee haa eebbisu.
Adoolessa 19 bara 2011  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015