Hojjettoonni Hospitaala Aadaamaa Fi Buufata Fayyaa Biiftuu Biqiltuu Dhaaban

85

Adoolessa 20/2011 (TOI) - Hojjettoonni Hospitaala Aadaamaa fi buufata fayyaa Biiftuu mooraa dhaabbilee Fayyaa kunneen keessatti guyyaa har'aa biqiltuu dhaabaniiru.  

Sirna kanarratti hogganaan Biroo Fayyaa naannoo Oromiyaa Doktar Darajjee Dhugumaa akka jedhanitti  biyyi keenya uwwisa bosonaa qabdu turte kunuunsuu dhabuu fi mancaatiin akkasumas xiyyeeffannaa mootummaa dhaabuun midhaan irra gaheera.

Kanarraa kan ka'e fayyaan namaa miidhameera, bineensii fi lubbu qabeeyyiin biyyaa godaananiiru jechun dubataniiru.

Amma garuu akka mootummaatti xiyyeeffannaa addaa itti kennuun deebisanii misoomsuuf hojjetamaa jira jedhan.

Biqiltuu dhaabuun gahee qaama muraasaa qofa osoo hin ta'iin daa'imaa hanga jaarsaatti, dhaabbilee mootummaa fi mit - mootummaa hunda ta'uu qabas jechuun himaniiru.

Magariisummaa fi qabeenyi Naannoo kallattiin fayyaa waliin walitti waan hidhatuuf adda durummaan ni hojjennas jedhan.

Akka sektara fayyaattis hojjettoota qabnu Kuma 70 ta'an hirmaachisuun biqiltuu miiliyoona 3 dhaabuuf karoorfanneerra jedhan Doktar Darajjeen.

Magaalotaa fi godinaalee hunda keessatti paarkii Fayyaa hundeessuun itti fufiinsaan kan hojjetamu ta'as jedhan.

Biqiltuu Dhaabuu duwwaa osoo hin taane kunuunsasaarrattis duulaan hirmaachuu, 
Yeroo yeroon gamaaggamaa deemuun faana bu'uun kan hojjetamu ta'as jedhaniiru.


Namni quuqama qabu gammoojjummaan biyya keenya keessatti akka hin babal'anneef xiiqiin hojjechuu qabas jechuun ergaa isaanii dabarsaaniiru jechuun kan gabaase biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaati. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015