Wallagga bahaatti lubbuun namoota 10nii balaa konkolaataatiin darbe

117


Naqamte Amajjii 5/2011 Godina Wallagga bahaa balaawwan konkolaataa qaqqabaniin lubbuun namoota 10 akka darbe poolisiin beeksise

Qajeelcha poolisii godinichaatti itti gaafatamaan divijinii nageenya tiraafikaa ittaanaan Inispeektaraa Firoomsaa salamoon akka ibsanitti, lubbuun namootaa kan darbe balaa tiraafikaa lama kaleessa qaqqabeeni.

Balaan kun kan qaqqabe konkolaataa ummata deddeebisu lakkoofsa gabatee ORO 3- 18680 magaalaa Shaambuurraa namoota 45 fe'ee gara naqamtee deemaa osoo jiruu aanaa Gudayyaa Biilaa keessatti garagalee lubbuun namoota 6 darbeera.

Shufeerii fi gargaaraasaa dabalatee balaa kanaan namoota 13 balaa cimaan, kanneen hafan miidhaan salphaa irra ga'eera. Miidhamtoonnis hoospitaalota Baakkoo fi Naqamteetti yaalamaa akka jiran dubbataniiru.

Haaluma wal fakkaatuun Godina kana aanaa Hroo Limmuu keessatti konkolaataan fe'umsaa lakkofsa gabatee ORO 3- 39779 magaalaa Haroo irraa namoota 16 fe'ee gara ganda baadiyyaa Sankooraa deemaa osoo jiruu garagalee lubbuun namoota 4 battalumatti darbeera.

Namoonni balaan cimaan irra ga'e 12 Hoospitaala Giddaatti yaalamaa akka jiran itti gaafatamaan kun hubachiisaniiru. Konkolaachisichis yeroof miliquusaa himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015