Biqiltuu Dhaabuun Aadaa Duudhaa Fi Safuu Ummanni Oromoo Ittiin Beekamu Ta’uun Ibsame

218

Adoolessa 18/2011-  Biqiltuu dhaabuun kunuunsuu fi seeraan itti fayyadamuun aadaa, duudhaa fi safuu ummanni Oromoo dhaloota hanga har’aatti ittiin beekamuu fi bu’aa olaanaa irraa argachaa ture ta’uun ibsame.

Mootummaan naannoo Oromiyaa mata duree “Biqiltuu Dhaabuun Dhaloota Egereef Seenaa Haa Keenyu” jedhuun guyyaa har’aa ibsa ejjennoo baaseera.

Ummanni Oromoo duudhaa sirna Gadaatiin kanneen dhalootaa dhalootatti dabarsu keessaa tokko biqiltuu dhaabuu akka ta’e kan balballoomse ibsi biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa kun, duudhaan kun keessattuu biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane kabajni biqiltuuf qabu olaanaa akka ta’e mul’iseera.

Safuun ummanni Oromoo qabeenya uumamaaf qabu kunneen ummaticha jaarraa hedduuf boonsuurra darbee abbaa qabeenya uumamaa fi dachee magariisaa taasiseera jedha ibsi kun.

Dacheen Oromoo magariisa ta’uun immoo ummanni Oromoo qabeenya horii fi uumamaatiin badhaadhaa  akka ta’u taasise, bineensota bosonaa sadarkaa addunyaatti hin argamne akka jiraatanii fi mandhee bineensota bosonaa bebbeekamoo akka taa’an, akkasumas dhala namaatiif qilleensi mijaawaan akka uumamu, midhaan dachee Oromiyaarraa akka biqilu taasisuun hawattummaa naannoo fi ummata naannoo Oromiyaaf uumuu balballoomseera ibsi kun.

Oromiyaan dachee magariituu fi madda qabeenya uumamaati wayita jedhamu akka feeteedhaan kan argame miti kan jedhe ibsi kun, dhaloonni darbe biqiltuu dhaabee, kunuunsee, eegee, yoo mure bakka buusee, waan seeraan itti fayyadamaa tureef akka ta’e eereera.

Haa ta’u malee jedha ibsi kun, haa ta’u malee waggoottan muraasaa as qabeenyi uumamaa mimmiidhagoon, hawattummaan isaanii sadarkaa addunyaatti beekamanii fi wabii jiruu fi jireenya dhala namaa jedhamanii abdatamaa turan balaa adda addaaf saaxilamaa akka dhufan mul’iseera.

Balaan qabeenya uumamaarra gahaa ture irra caalaansaanii namaan kan uumamaa ta’uu kan balballoomse ibsi ejjennoo kun, keessattuu biqiltuuwwan abbootii keenyaan dhaabamanii kunuunfamaa turan sababa garagaraatiin manca’anii lafa duwwaa qilleensa gogaa fi namas ta’e lubbu qabeeyyiin irra jiraachuu hin dandeenyetti jijjiiramaa akka jiran hubachiiseera.

Kana malees duudhaan Oromummaa ganamaa sirna Gadaatiin dhaalle garuu muka muruun dura kamtu yoom murame sirna qaba, bakka buusuunis akkasuma seenaa kanatti deebi’uun Oromummaa calaqqisiisuudha, dhaloota egaree ijaaruudha, kana irraa ka’uudhaan qabeenya uumamaa keenya iddoo ganamaatti deebisuuf sochii Muummichi Ministiraa Rippabilika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa Dr. Abiyi Ahimad sadarkaa biyyaatti duula biqiltuu dhaabuun ashaaraa magariisaa haa keenyu jedhuun Adoolessa 22/2011 duulli biqiltuu dhaabuu akka naannoo fi biyya keenyaatti ni gaggeeffama.

Biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuun jiruu ummata keenyaa roobarratti hundaa’e waggaa guutuu bokkaa akka argatu taasisa  kan jedhe ibsi kun,  horii fi dhalli namaa dawoo argachuurra darbanii rakkoo tokko malee waan ittiin jiraatanii fi keessa jiraatan argatu, godaansi lubbu qabeeyyii fi dhala namaa ni dhaabbata, hawattummaan turiizimii ni dabala jedheera.

Itti fufuudhaan faalamni qilleensa gubataa biyya keenyarraa dhabamsiisuu kan dandeessisu tauu kan eere ibsi kun, burqaan iddoo duudhaa ganamaatti deebiti, bineensi bosonaa gara keenyatti godaanu, dhiqamni biyyoo fi bishaanii hafee burqaawwan gogan deebi’anii dhala namaa akka tajaajilan ibseera.

Dhaloonni injifataan dhaloota boruuf seenaa kaa’a, qabeenya uumamaa jiru ofumaa fayyadamee kan darbu otoo hin taane waa’ee jireenya dhaloota egeree yaada, dhaloota ijaaruu ammoo Sirna Gadaatuu nu barsiise jechuun balballoomse ibsi ejjennoo biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa kun.

Kana irraa ka’uun kallattii Muummichi ministeeraa Dr.Abiyi Ahimad kaa’an bu’uureeffachuun akka naannoo Oromiyaatti Adoolessa 22/2011 guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 250 dhaabuuf qophiin boolla qotuu fi biqiltuu qopheessuu xumuramuu isaa ibsa kanarraa hubachuun danda’ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015