Baay’inni Oomisha Saliixii Wallagga Bahaarraa Gabaa Giddugaleessaaf Dhihaate Hir’ate

89

Naqamte Adoolessa 16/2011 (TOI) – Bara Bajataa xumurametti Baay’inni oomisha Saliixii Wallagga Bahaarraa gabaa giddugaleessaaf dhihaate kan bara darberraa dacha sadiin hir’achuusaa waajjirri daldalaa fi misooma gabaa godinichaa beeksise.

Waajjirichatti abbaan adeemsa hojii misooma gabaa obbo Abbabee Magarsaa akka jedhanitti, bara bajatichaatti oomishni Saliixii gabaa giddu galeessaaf dhihaate kuntaala kuma 50 fi 460 dha.

Waggaa darbe garuu  Saliixiin kuntaala kuma 150 oomishamee gabaaf dhihaatee akka ture abbaan adeemsa hojii kun kan ibsan yoo ta’u, “sababni barana oomishni kun hir’ateef rakkoo tasgabbii naannoo kana tureen” jedhaniiru.

Rakkoo uumamerraa kan ka’e godinichatti aanaalee Saliixii oomishuun beekaman 13 keessaa  sirnaak kan sassaabame aanaalee sadii irraa qofa akka ta’e beeksisaniiru.

Aanaalee hafan 10 keessatti garuu osoo walitti hin qabamiin harca’ee akka hafe obbo Abbabeen ibsaniiru.

Qonnaan bulaan Takkaalign Raggaasaa Aanaa Saasiggaa ganda qonnaan bulaa Shonkooraa kan jiraatan yoo ta’u, waggoota dheeraaf Saliixii oomishuudhaan galiin argatan maatiisaanii jiraachisuuf akka isaan gargaaru dubbataniiru.

Rakkoo nageenyaa naannoo isaaniiti mudaterraa kan ka’e bara kana oomishnisaanii oyiruurratti harca’ee akka hafe himaniiru.

“Rakkoon kun fuulduraaf akka hin mudanne nageenya naannoo keenyaa  eeguuf  ga’ee keenya ba’uu qabna” jedhaniiru.

Oomishoota kanneen akka Xaafii caalaa Saliixiin Oyiruu xiqqoorratti oomishan akka isaan fayyadu kan dubbatan ammoo aanaa Haroo Limmuutti jiraataa ganda Kalaalaa kan ta’an obbo Dassaalenyi Moosisaadha.

Obbo Dassaalenyi akka jedhanitti waggaa waggaadhaan jiddu galeessaan Saliixii kuntaala 35 oomishanii birrii kuma 150 ni argatu, barana garuu sababa rakkoo nageenyaatiin harka duwwaa hafaniiru.

Daldalaa Saliixii kan ta’an obbo Kabbadaa Mokonnin yaada kennaniin, bara bajatichaatti sababa nageenyaatiin sochiin daldalaa dadhabuusaa ibsaniiru.

 Bahanii galuun, hojjetanii badhaadhuun kan danda’amu nageenyi amansiisaan yoo jiraate waan ta’eef  nageenyi akka kabajamu hawaasni harka wal qabatee cimuu akka qabaatu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015