Haleellaa Boombii Al-Shabaab Moqaadishootti Raawwateen namoonni 7 du’an

53

(TOI) Adoolessa 15/2011 Ganama har’a magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishootti haleellaa boombii raawwatameef gareen dhaabbata shororkeessaa Al-Shabaab itti gaafatama fudhateera.

Balbala hoteela magaalaa Moqaadishoo dhiheenya buufata xiyyaaraatti argamutti boombii konkolaataarratti hidhameen haleellaa qaqqabeen namoonni 7 du’uusaanii fi namoonni 27 miidhamuusaanii itti gaafatamtoonni dhaabbilee fayyaa dubbataniiru.

Reeffi namoota 7 fi namoonni miidhaan irra ga’e 27 yaalaaf gara hoospitaala magaalattii Madiinaatti akka ergaman narsiin dhaabbatichaa Nuuraa Hasan dubbataniiru.

Kanneen miidhaman keessaa 17 haala yaaddessaarra jiru jechuun ‘CGTN’ gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015