Naannoo Oromiyaatti Guyyaa "Ashaaraa Magariisaaf" Biqiltuuwwan Dhaabuuf Qophiin Xumuramuu isaa I/A Pirezdaantii M/Naannoo Oromiyaa dubbatan

235

Adoolessa 15/2011 (TOI)   Naannoo Oromiyaattii Adoolessa 22 bara 2011 "Guyyaa Ashaaraa Magariisaa" biqiltuuwwan dhaabuuf qophiin xumuramuu isaa itti aanaan pirezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dubbatan.  

Itti aanaan pirezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa bosona magaalaa Duukam deebisuuf yaadamee iddoo biqiltuun itti dhaabame " Duukaam malkaattii" argamuun biqiltuu dhaabaniiru.

Iddoo kanatti biqiltuuwwaan qiilleensa naannoo sanaa walliin wal siman kuma 20 ol ta'an dhaabamaniiru.

Wayita kana duubbii kan taasisan itti aanaan pirezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdisaa akka jedhanitti naannoo Oromiyaa biqiltuwwan akka biyyaatti dhaabamuuf yaadaman Billiyoona 4 keessaa walakaa isaa dhaabuuf karoorfatee hojjechaa jira jedhaniiru.

Naannoo Oromiyaattii "Guyyaa ashaaraa magariisaa" kanaaf biqiltuuwwan dhaabuuf qophiin xumuramuu isaa itti aanaan pirezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdisaa irra deebi'uun dubbataniiru.  

Keesumatuu Adoolessa 22 bara 2011 "Guyyaa ashaaraa magariisaa" jechuun biqiltuuwwan dhaabuuf qophiileen barbaachisaa ta'an hundi xumuramaniiru jedhaniiru.  

Guyyaa kana akka biyyoolessaatti biqiltuuwwan miiliyoonni 200 kan dhaabaman yoo ta'u, guyyuma kana ammoo akka naannoo Oromiyaatti biqiltuuwwan miiliyoona 250 dhaabuun akka dandaa'amuuf qophiin hundi xumurameera jechuun dubbataniiru.

Yeroo qophii kanas meeshaa JI.PI.ES jedhamuun gargaaramuun iddoon biqiltuun kun itti dhaabatu kan qophaa'ee yoo ta'u, humni namaa barbaachisaa ta'es qophaa'uu isaa himaniiru.

Ummatni naannoo Oromiyaa keessa jiraatus guyyaa kana irratti argamuun biqiltuu akka dhaabuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Akka ibsa prezdaantichaati naannoo Oromiyaatti yeroo ammaa mukeen, Avookaadoo, bunaa fi biqiltuuwwan kanneen biroo miiliyoona 870 ta'an dhaabachaa jiraachuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015