Qorqoorroon Manaa Sadarkaa Barbaadamuu Gadi Ta'an To'annaa Jala Oolan

81

Finfinnee (TOI) 13/2011  Magaalaa Finfinneetti sakatta'iinsa man-kuusota irratti taasifameen qorqoorroon manaa sadarkaa barbaadamuu gadi ta'an to'annaa jala ooluusaanii biiroon daldalaa magaalaa Finfinnee beeksise.

Oomishi kun kan argame biiroon daldalaa magaalaa Finfinnee fi abbaan taayitaa dorgommii daldalaa fi eegduu shamattootaa magaalaa Finfinnee komishinii poolisii magaalaa Finfinnee waliin ta'uun kutaa magaalaa nifaas silki laaftootti sakatta'iinsa gabaa taasisaniini.

Qorqoorroowwan sadarkaa barbaadamuu gadi ta'an kunneen mallattoo ejensii sadarkaalee kan hin qabnee fi mankuusota eeyyama hin qabne keessaa gara naannawoota biyyattii addaddaatti fe'amanii ba'uuf osoo jedhanii to'annaa jala oolaniiru.

Karaa wal fakkaatuun qorqoorroowwan manaa kana dura qabaman eddattoon isaanii fudhatamee ejensii sadarkaa madaaluun sakatta'iinsa taasifameen sadarkaa kan hin guunne ta'uu akka mirkanaa'e himameera.

Oomishoota kanneen keessaas Bushaan BWG 35, Jindaal Hinditti kan hojjetame, Bulhaan BWG 34 Ismaart, Jindaal Treed maarkiBWG 34 kan jedhaman ni argamu.

Biiroo Daldalaa magaalaa Finfinneetti ogeessi dorgommii daldalaa fi to'annoo obbo Saffaa'alam Abbooraddaanyi TOIf akka ibsanitti man-kuusaa tokko qofa keessatti oomishoonni gosa 6 to'annaa jala oolaniiru.

Qorqoorroowwan kunneen karaa seera qabeessaa fi seeraan alaa keellaa darbanii biyyoota alaarraa akka galan ibsanii, ejensii sadarkaa madaaluun sakatta'amanii sadarkaa akka hin guunne mirkanaa'eera jedhaniiru.

Man-kuusonni to'annaa jala oolan seeraan murtee amma argatanitti akka saamsamaman, dhaabbileen daldalaa gocha kana keessatti hirmaatan seeraan akka gaafataman ibsaniiru.

Biiroon Daldalaa magaalaa Finfinnee qaamolee hojii seeraan alaa irratti hirmaatan tarkaanfii seera qabeessa fudhachuu jalqabuusaa fi fuuldurattiis cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Abbaa taayitaa dorgommii daldalaa fi eegaa shamattootaatti ogeessi daarektoreettii iyyannoo fi himata dhiheessaa odeeffannoo fi ragaa obbo Addis Mulugeetaa akka jedhanitti kanaan dura Markaatootti sakatta'iinsa taasifameen oomishoonni qorqoorroo wal fakkaataan argamuusaanii ibsaniiru.

Kanarraa ka'uun hawaasni oomishoota kanneen akka hin binne beeksifni hojjetamuusaa hubachiisaniiru.

Hawaasni oomishoota qorqoorroo kanneen akka hin binne, yoo bites mallattoosaanii hubachuun bituu akka qabu yaadachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015