Naannoo Oromiyaatti Guyyaa Ashaaraa Magariisaaf Biqiltuuwwan miiliyoona 250 Dhaabuuf Qophiin Xumuramuun Ibsame

68

Adoolessa 11/2011 (TOI) – Guyyaa ashaaraa magariisaa Adoolessa 22 bara 2011 sadarkaa biyyaatti hojiirra ooluu irratti biqiltuuwwan dhaabamaniif boolla miiliyoona 250 ol qopheessuusaa naannoon Oromiyaa beeksise.

Itti gaafatamaan biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabalee guyyaa Ashaaraa magariisaa ilaalchisuun qophii jiru gaazexessootaaf akka beeksisanitti, guyyaa tokko keessatti sadarkaa biyyaatti dhaabuuf kan karoorfame biqiltuuwwan miiliyoona 200 ol dhaabuuf qophiin xumurameera.

Haala kanaan jiraattonni naannichaa miiliyoona 4 tuqaa 5 ol kan itti hirmaatan boolli miiliyoona 250 qotameera, biqiltuuwwan miiliyoona 300 qophaa’aniiru.

Biqiltuuwwan akka biyyaatti dhaabuuf karoorfame biiliyoona 4 “dhaabuuf baatii gannaa karoora qabanneen naannichatti biqiltuuwwan biiliyoona 2 dhaabuuf galmi kaa’ame  hojjetamaa jira” kan jedhan obbo Dhaabaan, amma ammaatti naannoo Oromiyaatti biqiltuuwwan biiliyoona 1 tuqaa 9 qophaa’anii biliyoona 1 tuqaa 1 akka dhaabaman hubachiisaniiru.

Biqiltuu fi boolla qopheessuuf amma ammaatti baasiin birrii biiliyoona 5tti tilmaamamu ba’uusaa fi kana keessaa dhibbantaa 60 jiraattonni naannichaa humnasaaniitiin kan gumaachan ta’uu isaa kan ibsan ammo itti aanaa itti gaafatamaa biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa naannichaa kan ta’an obbo Indaalkaachoo Tafariidha.

Sadarkaa biyyaatti Adoolessa 22 bara 2011 guyyaa Ashaaraa magariisaa jechuun biiqiltuu dhaabuuf karoorfamee ol Oromiyaa keessatti dhaabuuf hojiin sosochii ummataa ciminaan hojjetamuusaa obbo Indaalkaachoo dubbataniiru.

Guyyaa kana jiraattonni naannichaa, jaarsoliin biyyaa, abbootiin Gadaa, Ogeeyyonni Aartii, Qeerroo fi Qarreen, Dubartoonni, dippilomaatonni biyya alaa fi anga’oonni olaanoo mootummaa akka hirmaatan himaniiru.

Kutaalee hawaasaa qophii kanarratti hirmaataniif akka mijatuuf iddoowwan biqiltuun itti dhaabaman 53 ol ‘JPS’ dhaan adda ba’uunsaanii itti aanaan Itti gaafatamaa biiroo kun eeraniiru.

Adoolessa 22 bara 2011 ganama keessaa sa’aatii 12 amma galgala sa’aatii 12tti biqiltuun akka dhaabamu kan ibsan itti gaafatamaan biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa naannichaa obbo dhaabaa Dabalee,  ummanni doomaa fi akaafaa yookaan meeshaa biqiltuu dhaabuuf gargaaran qabatee akka ba’u waamicha taasisaniiru.

Yeroo ammaa Oromiyaa keessatti lafti heektaara miiliyoona 9 bosonaan uwwifamuunsaa ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015