Itoophiyaa fi Seraaliyoon Walitti dhufeenya isaanii cimsuuf walii galan

87


Fifinnee Amajjii 5/2011 Gareen ergamtootaa olaanoon mootummaa Itoophiyaa itti aanaa ministira muummichaa ob.Dammaqaa Mokonniniin gaggeeffamu  Seeraaliyoonitti daawwannaa guyyaa sadii taasisaa jira.

Gareen ergamtootaa kun ministira Albuudaa fi komishinara pilaanii biyyaalessaa dabalatee aanga'oota olaanoo kanneen biroo akka of keessatti qabate waajjirri dubbi himaa ministira dhimma alaa beeksiseera.

Itti aanaan ministira muummichaa dheengadda buufata Xayyaaraa Firiitaawun wayita ga'an pirezidaantii itti aanaa biyyattiitiin simannaan taasifameeraaf.

Itti aanaan ministira muummichaa pirezidaantii biyyattii Juuliyees Madabiiyuu waliin walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuun haala danda'amurratti haasawaniiru.

Keessumaa hoggantoonni kunneen damee albuudaa, fayyaa, barnootaa tuurizimii fi kanneen biroorratti marii bu'a qabeessaa taasisaniiru.

Mareen gam lamee biyyoonni kunneen adeemsisan irratti hundaa'ee walii galteewwan waliin hojjechiisuu dandeessisan lama mallatteeffamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015