Waltajjiin Baniinsa Hojii Dirqama Lammummaa Godina Jimmaatti Adeemsifamaa jira

102

Adoolessa 11/2011- Baniinsi hojii dirqama lammummaa /Tajaajila tola ooltummaa/ bara 2011 Godina Jimmaatti gaggeeffamaa jira.

Sirna baniinsaa kana irratti Bulchaan Godinichaa obbo Abdulhakiim Muluu fi Itti aanaan Biiroo Dhimma Dubartoota, daa'immanii fi Dargaggoo Obbo Huseen Zinaab akkasumas qaamoleen hawaasa adda addaa qooda irratti fudhachuu irratti kan argaman yommuu ta'u, sagantaa baniinsaa kana irratti ummatni Godina Jimmaa hojii dirqama lammummaa irratti adda durummaan qooda bahataa ture, bara kanas dachaan itti fufsiisuu qaba jedhaniiru.

Godinichatti bara kana hojiilee dirqama lammummaa adda addaatiin qaamoleen hawaasaa godinichaa bal'inaan irratti kan hirmaatan yommuu ta'u, lammiin hunduu humna, beekumsaa fi qabeenya qabu gumaachuudhaan dirqama lammummaa isaa bahachuu akka qabu dhamameera jechuun biiroon dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015