Qonnaan Bultoonni Godina Shawaa Lixaa Raammoo Geerrii Oomisha Boqolloo Fi Misingaa Irratti Mudate Ittisuuf Yaalii Taasisaa Jiru

67

Amboo Adoolessa 10/2011 Godina Shawaa lixaatti qonnaan bultoonni kuma 7 caalaan lafa hektaara kuma 6 fi 284 oomisha boqolloo fi misingaa irratti raammoo geerrii mudate ittisuuf yaalii taasisaa akka jiran waajjirri Qonnaa, Bunaa fi Qabeenya uumamaa godinichaa ibse.

Waajirichatti ogeessa misooma midhaanii kan ta’an obbo Dagguu Raggaasaa akka jedhanitti, jalqaba ji’a Bitootessaa irraa eegalee raammoon mudate kun godinichatti gandoota baadiyyaa 183 argaman keessatti.

Qonnaan bultoonni muuxannoo waggoota darban argatan irraa ka’uun lafa isaanii gareen sakatta’uun, harkaan funaanuunii fi karaa aadaa fayyadamuun lafa hektaara kuma 3 fi 986 miidhaa raammoo kanaan dhufu hir’isaniiru.

Karaa aadaan ittisuu dabalatee qoricha farra ilbiisotaa liitira kuma 1 fi 514 ol faayidaarra akka oole ibsanii, raammoo kana guutummaa guutuutti lafa isaaniirraa balleessuuf qorichi dhiyaachaa akka jiru hubachiisaniiru.

Qonnaan bulaan jiraataa aanaa Amboo ganda Qooraa Giraancee  obbo Tolasaa Baqqalaa guyyaa guyyaan lafa isaanii sakatta’uun raammichi gara biraatti akka hin tamsaaneef yaalii taasisaa akka jiran dubbataniiru.

``Raammoo kana karaa aadaa ittisuuf yeroo kan fudhatuu fi dadhabsiisaa ta’uurra darbee baala keessa waan dhokatuuf guutummaa guutuutti balleessuuf rakkisaadha`` kan jedhan obbo Tolasaan, ``mootummaan qoricha farra ilbiisotaa baay’inaan utuu nuu dhiyeessee gaarii dha`` jedhan.

Waggaa darbee biqiltuu boqolloorratti raammoo geerrii mudate ittisuuf karaa garee misoomaa isaanii hojiin hojjetan bu’a qabeessa akka ture kan himan immoo qonnaan bulaa jiraataa aanaa Daandii kan ta’n obbo Malkaamuu Fedhasaati.       

Baranas muuxannoo waggaa darbe argatan irraa ka’uun raammoon kun midhaan isaanii irratti miidhaa akka hin geessifneef hojjetaan jira jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015