Hooggansi Kutannoo Fi Bilchina Siyaasaa Qabu Dirree Siyaasaarratti Injifataadha --- Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

134

Adoolessa 10/2011 - Hooggansi kutannoo fi bilchina siyaasaa qabu dirree siyaasaarratti injifaatadha jechuun Itti aanaan pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa ibsan.

Itti aanaan PMNO obbo Shimallis Abdiisaa xumura leenjii akkaadaamii leenjii hooggansa Oromiyaa leenjii dandeettii gaggeessummaa cimsu marsaa 4ffa guyyoota 15f Magaalaa Jimmaatti Kennamaa ture irratti akka jedhanitti, hooggansi Oromoo qabsoo ummataa Oromoo jaarraa tokkoo fi walakkaaf milkaa'u dadhabe adda durummaan hoogganee Oromoo qofa mitii wabii gaanfa Afrikaa ta'eera jedhan.

Hooggansi kutannoo fi bilchina siyaasaa qabu dirree siyaasaarratti injifaatadha kan jedhan obbo Shimallis, dhaamsa hooggantoota kanneeniif dhaamaniin gaggeessitoonni keenya hanga gadiitti jirtan qindoominaa fi bilchina siyaasaan dursitanii argamuun shira diinni injifannoo aarsaa lubbuu kumaataman dhufe duubatti deebisuuf halkanii guyyaa boqonnaa malee dalagu cabsuu qabdu jedhaniiru.

Dhimma ummata Oromoo, Aadaa fi Afaan Oromoorraatti eenyu waliinuu hin mari'annu jedhaniiruu.

Yeroon kun seenaa ummata Oromoo keessattis iddoo olaanaa fi ijoodha. Dargaggoonni keenya, ummanni hundi akkuma dhiiga fi lafeen injifannoo kana fide kara deemaarraa eeggachuu qaba, misoomasaa cimsaa nagaa naannoosaaf yeroo kamuu caalaa waardiyyaa ta'uu qaba jechuun dhaamaniiru jechuun OBN gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015