Caffeen Oromiyaa Bara Bajataa Haaraaf Birrii Biiliyoona 70 Ol Raggaase

51

Adaamaa Adoolessa  8/20011 (TOI) Caffeen Oromiyaa Bara bajataa haaraaf birrii biiliyoona 70 ol raggaaseera.

Itti gaafatamaan biiroo maallaqaa fi misooma dinagdee Oromiyaa obbo Tolasaa Gadafaa bajata kana ilaalchisuun yaa'ii idilee caffee 10ffaaf akka ibsanitti ramaddiin bajata naannichaa pirojektoota misoomaa irratti kan xiyyeeffatedha.

Bajanni kun gaaffilee misoomaa fi demokiraasii ummanni gaafatu deebisuuf humna guddaa akka ta'u hubachiisaniiru.

Bajanni ragga'e kun mootummaa federaalaa, madda galii naannoo fi liqii biyya alaarraa kan argamudha.

Bajanni kun kan bara darbee birrii biiliyoona 6n akka caalu eeraniiru.

Barri bajataa haaraan kun irra guddaa dameewwan hawaasummaa dinagdee fi misoomaaf xiyyeeffannoon kan kenname ta'uu kan eeran itti gaafatamaan kun " mootummaan bajanni kun kaayyoo qabame qofaaf  akka oolu ni hojjeta" jedhaniiru.

Caffee oromiyaatti walitti qabaan koree dhaabbataa bajataa fi dhimmoota bulchiinsa baasii mootummaa obbo Yilmaa Wayyeessaa ramaddii bajatichaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Miseensonni Caffee gamasaaniitiin bajata naannichaa guddachaa dhufe qisaasa tokko malee kaayyoo barbaachiseef akka oolu hojii raawwachiiftonni sadarkaan jiran kutannoon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Yaa'iin idilee Caffee 10ffaan sagantaasaa oolmaa guyyaa har'aa kan xumure yoo ta'u, guyyaa boruu muudamoota addaddaa fi labsiiwwan raggaasuun akka xumuramu ni eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015